Haati daa’imashee guyyoota jahaaf qofaatti dhiisuun beelaan ajjeefte hidhaa buute

Maxxanfame

Haati daa’imashee guyyaa jahaaf qofaatti dhiistee lafa shubbisaa baate hidhaa buute. Daa’imnis beelaan lubbuunshee darbeera.

Veerfii Kuudiin baatii Mudde 2019, yeroo isheen guyyaa dhalootaa waggaa 18ffaa kabajaa turte daa’imni baatii 20 mana jireenyaa ishee Biraayitan UK jiru keessa turte.

Akka ijoollee ‘dhimma hin qabne tahuun,’ gara magaalawwan Landaniifi Koovantarii imaluushee dhaddachi Lewes Crown odeeffateera.

Kuudiin yeroo ammaa shamarree ganna 19 yoo taatu, teessoo dhaabbataa hin qabdu. Hidhaa waggaa sagaliinis adabamteetti.

Dhaddachatti murteessituu Christine Laing QC haadha mucaa kanaatti akkas jechuun dubbatte, ‘’daa’imni kee Asiyaan wallaalaa gargaarsa hin qabne dha, guutummaan guutuutti situ ishee eeguu qaba ture,’’

‘’Gidiraan beelaa daa’imni kuni keessa baate sammuu namaan oli dha, kuni kan tahes atii fi hiriyyoonni kee guyyaa dhalootaa kabajuuf jecha dha,’’ jette.

Abbaan alangee immoo, kaameeraan nageenyaa mana Kuudii jiru akka isheen guyyaa shaniifi sa’atii 21 fi daqiiqaa 58f manatti ishee dhiiste agarsiisa jette.

Kuudiin Biraayitan irraa gaafa Mudde 5 baatee gara Landan deemtee, achitti jaalalleeshee waliin turte.

Guyyaa lama booda konsartii sirbaa kibba-baha Landan deemuun dabarsiti.

Sana booda, gara magaalaa Koovantrii deemuun guyyaa dhalootashee erga kabajjeen booda gaafa Mudde 11 manatti deebi’uu dhaddachatti himameera.

Mana geessee lakkoofsa yeroo balaa 999 bilbiluun ogeessota fayyaa daa’imnishee iddoo raftee dammaquu akka didde itti himti.

Yeroo ambuulaansiin qaqqabu Asiyaan,’’aartee, waliiwallaateefi burjaajoftee lafa ciistee turte,’’ jechuun abbaan alangaa dhaddachatti himte.

Qorannoon reeffaas sababiin du’a daa’ima kanaa beelaafi dhukkuba infiluwenzaa dha jedha. Bishaan gahaas qaamashee keessa hin turre, uffatnishee gatii hin geeddaramneef qaamnishee dirmammaa’ee tures jedhameera

Tajaajila Eegumsa Ijoollee naannoo biyyatti, Kibba Bahaa keessaa kan hojjettu Libby Clark, ‘’haati kuni ittigaafatamummaa guddaa daa’ima miidhamarraa eeguu qabdi garuu ofittummaan fedhiisheef dursa kenniteetti,’’ jette.

Haati kuni jalqaba poolisiin yeroo gaafatamtu yeroo hunda daa’imashee waliin akka turteefi takka qofa ishee fudhettee Landan akka deemet himte.

Haa tahu malee poolisoonni viidiyoo kaameeraan nageenyaa yeroo isheen mana hin jirre waraabe argatan.

Maatiin haadha kanaa, ‘’waan tahe hudattii gaddineerra gaaffii nu hin deebine baayyee qabna,’’ jechuun ibsa dhimma kanarrtti baherratti himaniiru.

‘’Veerfiin umriishee xiqqoo kanatti waan baayyee keessa dabarsiteetti ishee gargaaruuf ammoo waan dandeenyu hunda gooneerra,’’ jedhan.

Dabaluunis isheen hidhamuun qofa osoo hin taane du’a daa’ima keenya Asiyaadhaanis gaddaa keessa jirra jedhan.

Dhaabbanni eegumsa daa’imman irratti hojjetu Brighton & Hove Safeguarding Children Partnership ibsa kenneen waan mudate hunda akka qoratuufi daa’imman eeguudhaaf hoji-maatasaa irra deebiin akka ilaalu hime