Haroo Vikitoriyaa: Kiyyeessitoonni qurxummii barbaadaa kiyyoonsaanii darbatan boombii mortaariin jahaan as bahe

Madda suuraa, Getty Images
Keeniyaatti gareewwan kiyyeessitoota akkuma hojiisaanii idilee hunda Haroo Viikitooriyaa guddicha keessaa qurxummii qabachuuf kiyyoosaanii darbatan qurxummii osoo hintaanee saanduuqa boombii mortaarii qabate kiyyeessuun dhagahame.
Qajeelchi Qorannoowwan Yakkaa Keeniyaa (DCI) toora tiwitara isaarratti akka barreessetti, taateen kunis waan gareen kiyyeessitootaa kun bara jireenyaasaanii keessatti hin eegne ture..
Kana malees saanduqni jarreen kunneen kiyyeessan kunis boombiiwwan mortaarii jaha kan qabatee akka ture ibse waajjirichi.
Gareen kiyyeessitoota qurxummii kunneenis lixa magaalaa Mbitaatti, Roobii ganama ture wayita kiyyoonsaanii itti ulfaatu qurxummii hedduu argannee jedhanii gammadaa turan illeen booda saanduuqa ta'uu kan baran.
Akka waajirri Poolisii Keeniyaa kun akka jedheetti saanduqichi yoo saaqamu ammoo boombii dandaa'aa ta'uu hubatan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Erga saanduqicha saaqanii kan keessa jiru boombii ta'uu hubataniin booda lamaan isaanii nutti dhuka'a sodaa jedhuun gara harootti kan utaalan yoo ta'u, sadan isaanii garuu ciminumaan bidirusaanii gara qarqaratti baduu akka danda'an himame.
Bodarras mudannicha aanga'oota naanichaatti himuun booda dhimmichi poolisii akka qaqqabu taasifame.
Qajeelchi Qorannoowwan Yakkaa Keeniyaa akka jedhetti, ogeessonni to'annoo boombii battalumatti hubachiifamuun, ''gara sanatti fiiganii waan kiyyeeffame fuudhaniiru.''
Boombiiwwan kunneenis booda haala of eeggannoo qabuun ogeessotaan dhoofamu jedhame.
Boombiiwwan kan bara jaarraa koloneeffannaa keessa ta'u hinoollee jedhamuun amanaman fi bara 2019 keessa argamanii turanis, kan amma saanduqa mukaatiin haroo keessaa argameen walfakkaatu jedhame.












