Namichi dubartoota 'gammadoo arguun na aarsa' jedhe nama 10 aalbeen waraane

Madda suuraa, Reuters
Shakkamaan 'dubartoota gammadoo arguun na aarsa' jedhu magaalaa Tookiyoo keessatti imaltoota baabura keessa isa waliin turan 10 aalbeen waraane.
Shakkamaan ganna 36 kun dubartoota gammadoo yoon argu waan na aarsuuf isaan ajjeesuun barbaada jechuu miidiyaalee biyyattiitu gabaase.
Namoota aalbeen waraanaman keessaa barattuun dubaraa tokko akkaan kan miidhamte yoo ta'u, kaan miidhamni isaanii hin yaaddessu jedhame.
Haleellaan akka kanaa Jappaanitti hedduu kan baratamee miti.
Tookiyoo magaala Olompiika keessummeessaa jirtutti ammoo tarkaanfiin nageenya cimsuu fudatameera.
Kaappiteeniin baaburichaa sagaleen jeequmsaa duubaa itti dhagaahamnaan baaburicha dhaabeera.
Qorattootni akka jedhanitti shakkamaan kun baabura dhaabbate keessaa utaalee konkolaataa koruun miliqeera.
Imaltootnis gara buufata baaburaa dhiyoo jirutti geeffamaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Akka namni ijaan arge tokko miidiyaa biyyattii NHK jedhamutti dubbatanitti tasa namootni gara shakkamaatti fiigaa turan jedhan.
Boodas shakkamaan gara mana daldalaa dhiyoo jiru seenee hojjettootaan ''akka miidiyaan gabaasetti shakkamaan anadha'' jechuun miliquuf yaaluu dadhabuu itti himeera.
Poolisiin Tookiyoo dargaggoon ganna 30'oota keessa jiru qabamuu himee odeeffannoo dabalataa in kennine.
Namoota aalbeen waraanaman 10 keessaa sagal gara hospitaalaa yoo geeffaman tokko bakka sanitti hin argamne.
Jappaan biyyoota addunyaa nagaa qaban keessaa tokko taatus erga yeroo dhiyoo as aalbeen nama waraanuun dabalaa jira.
Bara 20219'tti namni barattoota konkolaataa eegan aalbeen waraanuun namootni lama du'anii 18 miidhamaniiru.













