Itoophiyaan caalbaasii hayyama tajaajila Itiyoo-telekoom lammaffaa baasuuf

Maxxanfame

Itoophiyaan baatii dhufaatti caalbaasii hayyama tajaajila Itiyoo-telekoom lammaffaa baasuuf akka jirtuu Rooyitarsi qondaaltoota mootummaa olaanoo lama waabeeffachuun gabaase.

Hayyamni tajaajiilaa caalbaasiin bahu kunis eeyyama maallaqa mobaayiliin daddabarsuu kan dabalatu ta'un himameera.

Itoophiyaan waggoota lamaan dura damee kana kubaaniyyoota biyya alaatiif banaa akka taasiiftu beeksifte.

Hayyama lama hirmaattoota damee kanaatiif caalbaasiin dhiyeessuu ishee hordofees dhaabbilee lama caalbaasicha keessatti hirmaachuun isaanii ni yaadatama.

Haaluma kanaanis gamtaan kubaaniyyootaa walta'insa idil-addunyaa Itoophiyaaf jedhamu caalbaasi doolaara miliyoona 850 dhiyeessuun filatame. Kan lammataa garuu osoo hinkennamiin hafe.

Hayyamni lammaffaaf gatii dhiyaateen gadi aanaa wan ta'ef hin kennamne. Ammatti yeroo lammaffaaf fooyyeeffamee dhihaate jedhameera.

Daarektarri Abbaa Taayitaa Komunikeshinii Itoophiyaa Baalchaa Reebaa Rooyitarsiitti akka himaniitti, kubaaniyoonni idil-addunyaa gatii caalbaasiif dhiyeessan guddisaniif jijjiirama tokko tokko taasisaniiru.

Daarektarichi eeyyama tajaajila maallaqaa moobaayiliin kennamu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Ministeera Maallaqaatti gorsaa olaanaa kan ta'an Biruuk Taayyee, Baankii Addunyaatti deeggarsa damee dhuunfaa kan ta'e Korporeshiniin Faayinaansi Addunyaa daldala waliigaltee kana keessatti gorsaa ta'ee akka tajaajilu dubbachuun gabaafameera.

Kana malees kana dura dhaabbileen hayyamicha bitachuuf fedhii agarsiisan garuu gahaa miti jedhaman caalibaasichatti akka hirmaataniifi mootummaanis kana akka eegu gorsaan kun himaniiru.

Wal ta'iinsi Saafaarikoom Keeniyaatiin hogganamu hayyama Itiyoo-telekomii jalqabaa kan mo'ate yoo ta'u, baatiiwwan itti aananiitti hojii akka eegalu eegama.

Hayyamawwan telekomii lamaan kubaaniyyoota biyya alaatiin qabamaniin alattis, muummeen tajaajila biyyattiif dhiyeessaa kan jiru Itiyo-telecom karrasaa abbootii qabeenyaa ni saaqa.

Haaluma kanaanis mootummaa qofaan to'atamaa kan ture dhaabbanni Itiyoo-telekom dhiheenyatti gaheesaa harka 40 abbootii qabeenya biyya alaatiif gurgura.

Harka 5 lammiilee Itoophiyaatiif akkasumas parsantaa 55 to'annaadhuma motummaa jala akka turu eeggama.