Fifa'n murteessaa kubbaa miilaa Somaalii kaffaltii Waancaa Addunyaa guutuu isaa kennuufi

Omaar Artaan

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Murteessaan kubbaa miilaa Somaaliyaa Omaar Artaan Waancaa Addunyaa murteessaa tahuun hirmaachuuf ture boodarra Ameerikaa akka hin galleef dhorkame kaffaltii dorgomichaa guutuu argachuufi.

Artaan Buufata Xiyyaaraa Maayaamiitti Wiixata darbe qondaalota immigireeshinii US'n sa'atii 11f erga gaafatamaa ture biyyattii akka hin seenne itti himame.

Paaspoortiin dippiloomaatiifi viizaansaa al tokko qofaaf Ameerikaa isa seensisuu danda'us kufaa taasifameera.

Qondaalli mootummaan Ameerikaa ''shakkii hidhata inni dhaaboota shororkeessaa waliin qabuun,'' biyyattii akka hin galle ibseera.

Artaan qondaaloti eegumsa daangaaa garee hidhataa Somaaliyaa Al shabaab jedhamu waliin hariiroo yoo qabaate isa gaafachuu himuun waa'ee dhaabichaa homaa akka hin beekne itti himuu dubbateera.

''Waraqaa isa sirriifi waan hunda qabadheen ture. Viizaa isa sirriis qaba ture,'' jedhe Artaan.

''Ani murteessaa kubbaa miilaa idilee abjuusaa jiraachuu barbaadu dha, abjuun koo inni guddaan Waancaa Addunyaaf deemuu ture,'' jedhe.

Yeroo deebi'u Turkii deemuun qondaalota Fifa irraa Istaanbulitti deeggarsi isaaf godhamee gara magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishuutti deebi'eera.

Maddeen BBC Sport tti akka himanitti Artaan Waancaa Addunyaa irratti hin hirmaatiiniyyuu Fifa'n malee miindaasaa guutuu kaffaluufif murteesseera.

Abbootiin murtii maallaqani hangamii akka isaaniif kaffalamu hin beekan, kaffaltiin kan raawwatu erga dorgommiin raawwateen booda dha.

Artaan bara 2025 Konfedereshiinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (Caf) murteessa waggaa jedhee beekamtii isaaf kennuun booda Uefa Super Cup Paaris Seent Jarmeeniifi Astoonvilaa gidduu tapha Ostiriyaatti taasifame Hagayya 12 murteessaa tahuun tajaajileera.

Namni ganna 34 Artaan yeroo biyyasaatti deebi'u uummata haala ho'aan isa simateef ''biyya koofi uummata koo nan galateeffadha,'' jedhee Waancaa Addunyaa 2030 irratti akka hirmaatu waadaa seene.

Artaan bara 2025 dorgommi dhumaa ardiisaa irratti hirmaachuu murteessaa Somaalii jalqabaa tahuusaan yaadata.

Waxabajjii bara 2025 liigii lammataa Piraaamiid FC Shaampiyoon Liigii Afrikaa injifannoo dhumaa Mamelodi Sundowns irratti argates abbaa murteessaa tahuun kan qajeecheera.

Fifa'n Waancaa Addunyaaf kan filate Chiilii tapha sadii irratti murteessaa tahuun erga hirmaatee booda dha.

Dhuma bara 2024 ammoo Waancaa Biyyoota Afrikaa taphoota garee lamaa irratti murteessaa tahuu hirmaateera.