Siwiizarlaand uummatashee miiliyoona 10tti daangessuuf sagalee kennuufi

Madda suuraa, Reuters
Biyyi tokko lakkoofsa uummataa qabdu daangessuu dandeessi? Lammiileen Siwiizarlaand uummata biyyattii miiliyoona 10tti daangessuuf Dilbata har'aa sagalee kennuuf jiru. Tarkaanfiin kuni biyyi Alpaayiin kuni dhimma godaantotaa irratti akka wal qoodde saaxile.
Tarkaanfii kuni paartii Siwiiz sirna ganama cichu Swiss People's Party irraa deeggarsa argateera. Mana jireenyaa, tajaaila hawaasaafi kunuunsa naannoo irratti dhiibbaa hir'isa yoo jedhan, sagalee kennitoonni gariin garuu tarkaanfii farra godaantotaa boodana dhagahame jedhan.
Tarkaanfiin maqaa ''yaadda jeequmsaa'' jedhu argate kuni mootummaa, paartilee siyaasaa, hogganoota daldalaafi waldaalee gurgurtaan hospitaalotaafi hoteelota hojjetaa barbaadan akkasumas hariiroo Gamtaa Awurooppaa waliin hojii jabaan argame miidhuu dabalataan, Siwiizarlaand biyya miseensa gamtichaa hin taane addunyaarraa adda baasee hambisa jedhameera.
Lakoofisi uummataa Siwiizarlaand bara 2002 irraa qabee saffisaan dabalaa jira. Yeroos miiliyoona 7.3 yoo tahu amma miiliyoona 9.1 irra jira. Kunneen keessaa warri Siwiiz biyya alaatti dhalatan harka 27 tahu.
Siwiizarlaand sirna demookiraasii kallattii tahe waan qabduuf murtoon sagalee kennuun adeemsifama. Duultoonni siyaasaa mallattoo 100,000 walitti qabuun qofa muurtoo biyyaalessaa dabarsuu danda'u.
Sagalee kennitoonni baayyeen baabura namni itti duudeen deemu, gatii mana jireenyaa qaaliifi gatiin yaalii fayyaa dabaluun yaadda'anii jiru.
Yaada uummataa amma jiruun bu'aa kenninsa sagalee kanaa walitti siqaa tahuu danda'a. Kanneen dhimma kanarratti yaada kennuuf hin murteessiin jiranis jiru.
Warri sagalee kennuufillee hin murteessine akkatti lakkoofsi uummataa daangeffamuu danda'u beekusma isaa hin qaban.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lakkoofsa jiraataa biyya tokkoo daangessuun dhimma biyyi addunyaa kanaan dura yaaltee beektu miti. Chaayinaan guddina lakkoofsa uummataa gad hir'isuufi tirachiisuf imaammata daa'ima tokko qofa waggootaaf hojiirra oolchite amma haqxee jirti.
Yaadni Siwiizarlaand dhiyeessite uummati biyyattii bara 2050 dura miiliyoona 10 caaluu hin qabu jedha. Mootummaan lakkoofsa miiliyoona 9.5 gaheeru irratti tarkaanfii akka fudhatu ajaja.
Karoorri kuni lakkoofsa namoota kooluu galtummaa gaafatan hir'isuu dabalataan lammiilee biyya alaa hojjetan deebi'anii maatii isaaniitti akka hin makamane dhorkuu mala.
Karoorri lakkoofsa uummata miiliyoona 10tti daangessuu hin darba taanaan Siwiizarlaand biyyoota Awurooppaa keessa bilisaan socho'uufi hariiroon biyyoota addunyaa kaan waliin qabdu adda cituu mala.
Yaadni kuni waldaa daldalaa Siwiizarlaand Economiesuisse jedhamurratti yaaddoo uumeera.
Hogganaan dhaaba kanaa Rudoolf Miinsh yoo karoorri wixinee kuni darbe ''hariiroon. Gamtaa Awurooppaa waliin qabnu rakkoo keessa seena,'' jedha.
Biraasalis kanaan dur biyyooti gamticha keessa hin jirre faayidaa Gamtaa Awurooppaa irraa argatan akka fedhan filachuun hin danda'an jechuun, bilisaan biyyoota kunneen keessatti socho'uu akka dhorkamuu malan himte.
''Siwiizarlaandiif michuun daldalaa ijoo Gamtaa Awurooppaa dha'' jedha Rudoolf kanaaf ''michuu daldalaa keenya ijoo waliin hariiroo ifaafi tasgabbaa'aa barbaadana,'' jedhe.
Abbootiin qabeenyaa Siwiizillee akkasuma hanqinni hojjettootaa mudata akkasumas ogeeyyiin Awurooppaa irraa dhufan dhabuu yaadda'u.
Hoteelota Siwiizarlaand kanneen hojjetan keessa walakkaa kan tahan godaantota dha. Hospitaalotaafi kunuunsi manaa manatti taasifamu godaantota irratti hirkata.
Paartiin Uummata Siwiiz ammoo godaansatu biyyattii keessatti siree hospitaalaa dabalataa akka barbaachisu, manneen barumsaa dabalataafi kaan jechuun kana furuuf karoora kana akka furmaataatti dhiyeesseera.
Warri morman ammoo uummati biyyattii harki 20 umrii ganna 65 ol gatii taheef karoorri kuni hin hojjetu jedha.
Hojjettoonni dargaggeeyyii tahaniifi gibira kaffalan uummata dulloomaa jiru kana gargaaruuf barbaachis-Siwiizarlaand hojjettoota kunneen ofiin uumaa hin jirtu.
Joon Puult miseensa paartii Soshaal Demookiraat yoo tahu yaaddoon guddaan karoorri kuni yoo ragga'e ''addunyaa tasgabbaa hin taaneefi balaafamaa tahe keessatti qofaatti hafna,'' jedha.
Siwiizarlaandi, akkuma biyyoota ollaa ishee Awurooppaa jiranitti, ittisa biyyaaf baasiin dabalataa ramadaa jirti; mootummaa walaba ofiin jettus biyyoota ollaa ishee waliin hariiroo ittisaa caalaatti cimsuuf karoorfatte jirti.
Raashiyaan Yukireen weeraruu isheetiin akkasumas waraana Iraaniin gatiin boba'aa dabalaa dhufe ishee miidheera. Dabalataanis, oomishooti biyyattii taarifni mootummaa Ameerikaas miidhaa irraan gaheera.
Akka Pult akeekkachiisetti, Siwiizarlaandi waliigaltee Gamtaa Awurooppaa (EU) waliin qabdu balaaf saaxiluu dandeessi; kanaan walqabatee deeggarsaa fi mootummaa Biraasalis irra argattu illee dhabuu malti.
Fiichar yaada kana yaada dabeessaati jedha, "Gamtaan Awurooppaa kun akka ta'u hin hayyamu'' jechuun, akkasumas waliigalteewwan Siwiizarlaand waliin jiran ''Gamtaa Awurooppaafis faayidaa qabu" jechuun falma.
Tahus sodaan qofaatti hafuu dhimma murteessaa tahuu mala.
Yeroo Ameerikaan miya biyyattii irra taarifa %39 irra keessu uummaati akkaan rifate, erga %15tti gad bu'een asillee dubbiin hin xumuramne.
Amma ergaawwan sagalee kennitootaaf dabarfaman keessaa ''Yeroo kanatti Awurooppaa irraa adda bahuu?'' jechuun suuraalee Tiraamp, Puutiin fi Shii Jiinpiing fa'a agarsiisan poostara irra maxxanfamanii mul'atu.
Fiichar garuu lakkoofsa uummataa daangessuun biyyattii fyyaduuf akka tahetti falama.












