Kaardinaalli Vaatikaan doolara Ameerikaa miliyoona 400 ol bataskanaa jalaa miliqsuun himataman

Madda suuraa, Rooyitars
Kaardinaallii Kaatolikii Roomaa beekamoon yeroo tokko Pooppi Firaansiisitti dhiyeenya qabaachaa turan maallaqa bataskaana qisaasessuun Vaatikaanitti himataman.
Kaardinaal Anjeloo Bechiyu, maanguddoo ganna 73 yoo ta’an, abbaa amantaa ammaatti hunda caalaa gameessa yakka maallaqaan walqabatuun shakkamuun himatamaniidha.
Anjeloo Bechiyu maallaqa bataskaana Kaatoolikii yuuroo miliyoona 300 fi miliyoona 50 ykn immoo doolara Ameerikaa miliyoona 400 fi miliyoona 12 baasuun maal dhibdeen qabeenya Cheelsitti argamuufi kaasaare bituuf waliigaluusaaniif himataman.
Abbaan amantaa beekamaan kun daban hojjadhe hin qabu jedhanii falmataniiru.
Kaardinaalli mana amantaa Anjeloo Bechiyun akkuma burjaajii maallaqa shakkamuun isaanii gabaafameen Fulbaana darbe hojiirra ariyatamaniiru.
Qorannoon ganna lamaaf gaggeeffame maallaqa namoonni bataskanaaf arjooman dabalatee Vaatikaan yuuroo miliyoonaan lakkaa’amu akkatti dhabde ifoomse.
Qorannichi kan gaggeeffame bara 2014 mana gamoo Harrods jedhamu Cheelsitti bitachuun erga dhaga’amu hordofeeti. Kaardinaalichi arjooma fandii maallaqa Vaatikaan bulchuu keessatti qooda qabu turan.
Himaannaan irratti dhiyaate maallaqa hojii bizinasii obbolotni isaanii iddoo dhalootasaanii Sardiinaatti jiraniif oolchuunis himatamaniiru.
Kana malees, namoonni biroo sagal yakkoota akka maallaqa seeraan ala daddabarsuu, maallaqa humnaan namarra fudhachuufi maallaqa kan isaanii hin taane bu’aa dhuunfaasaaniif oolchuun himatamaniiru.
Mannni murtii addaatti Godambaa Vaatikaan wayita ta’u, mana murtii kanaan dura beekamurra addadha. Sababni isaammoo lakkoofsa namoota himannicharratti argamaniifi dambii to’annoo Covid namoonni akka waliirraa hiiqaniif bakki bal’aan waan barbaachisuufidha.
Dhaddachi kun ji’ootaaf akka itti fufutu eegama jira. Namoonni himatan kunneen dogoggora hin hojjanne jedhanii mormataniiru.
Yoo balleessaan itti murame garuu hidha ykn maallaqan ykn lamaan isaatinu adabamuuf jiru.
Abbootiin alangaa faddalaa Landan keessa maadheffatan ‘Gianluigi Torzi’ maallaqa Vaatikaan qooda gamoo Cheelsii seeran ala bituuf fudhachuun himateera. Gamoon sun appaartimentii gatii qaalii baasuutti geeddaramees ture.
Aab Torziin himannaa irratti dhiyaate sanaan wal hubannoo dadhabuun himannaa narratti saaqame jedha.
Ebla darbe keessa Pooppi Firaansis kaardinaalonni fi qeesonni yakkaan himataman himati isaanii abbootii seeraatiin malee kaardinaalota mana amantiin hin qoratamne himanii turan.
Hogganaan Faayinaansii Vaatikaan haaraan Juyaan Antoniyoo Gurreroo, dhimmichi amma ifa bahaa jiraachuu kaasan.
Torban darbe Vaatikaan qabeenya magaalota Itaalii fi Awurooppaa 1,120 keessa qabdu kan baayyinni isaa 4,000 ol ta’e bal’inaan maxxansuun ifoomsiteetti.













