Niiw Ziilaand dubartii IS waliin hidhata qabaachuun shakkamte simachuuf

Dubartiin miseensa IS ta'un shakkamte ijoollee ishee waliin Turkiidhaa gara Niiw Zilaand deebifamuuf ta'u biyyattiin beeksifte.
Ministirri Muummee Jaasindaa Ardeern akka jedhaniitti dubartii waggaa 26 fi ijoollee ishee lamaan akka deebi'aniif murteerra gahuun waan ''salphaa'' hinturre.
Dubartiin Awustiraaliyaa keessatti guddatte tunis hanga Awustiraaliyaan lammummaashee haqxeetti paasportii Awustiraaliyaa fi kan Niiw Zilaand qabdi turte.
Guyyaa Wiixataa, Aadde Ardeern akka jedhaniitti, dhimmichi ''itti gaafatamummaa idil-addunyaa keenya akkasumas dhimmichi waan daa'imman keessatti argamaniif xiyyeeffannoo keessa galchuun'' kan ilaalameedha.
''Of eeggannoo haala dubartiittiifi ijoolleen ishee ittiin gara Niiw Zilaandiitti deebi'aniifi haala isaan osoo balaa lammiilee biyyattii irratti hinqabaatiin ittiin qabaman akka jiru ummataaf mirkanneessuun barbaada,'' jedhan.
Dubartiittiinis ijoollee lama waliin Sooriyaa irraa Turkii wayita galtu qabamuun gara Niiw Zilaandiitti deebifamte.
Hanga waggaa jahaattis Niiw Zilaand keessa jiraataa kan turte yoo ta'u, isaan booda gara Awustiraaliyaatti dabarte. Bara 2014 ammoo Paasportii Awustiraaliyaatiin gara Sooriyaa imalte.
Awustiraaliyaan lammummaa dubartii kanaa bara darbe haquun, ''diina biyya keenyaa'' jechuun himanii turan MM biyyatti Iskuut Moorisan.
Jalqaba bara kanaarratti ammoo, Aadde Ardeern dubartittiin kun gara Awustiraaliiyaatti deebiifamu qabdi jechuun murtee mormanii turan.
Amma garuu bakka dubartiin kun seeraan jiraachuu dandeessu Niiw Zilaand qofa ta'u ibsuun ishee fudhachun alatti filamaata biraa hinqabnu jedhan.
''Turkiin itti gaafatamummaa hinqabdu, Awustiraaliyaan ammoo waan fudhachu diddeefu, simachuun gahee keenya ta'e,'' jedhan.
Dubartittiin erga galteen booda qorannoo yakkaa gaggeessuun gahee poolisiitiis jedhan.
Motummoonni namoota shoroorkeessummaan shakkaman deebisanii galchuu irratti yoo rakkatu kun kan jalqabaa miti.
Dhimmi Shaamimaa Begum barattuun lammii Biritish kan 2015tti IS'tti makamtee booda sababii nageenyaatiif jecha lammummaan UK ishee haqame fakkeenya isa guddaadha.














