Kophee kana maaltu gabaarratti jaalatamuun rikardii akka cabsu taasise?

Kophee yeroo weerara koroonaa jaalatamte dhaabbata 'Crocs' oomishu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kophee yeroo weerara koroonaa jaalatamte dhaabbata 'Crocs' oomishu
Maxxanfame

Gaafa Kamisaa oomishaan kophee guddaa 'Crocs' gurgurtaa doolaara miiliyoona 640 galchuun baatii sadii keessatti rikardii cabsuu hime. Kan bara darbe yeroo wal fakkaataa irraa dachaan dabaleeras jedheera.

Haala amma jiruun mallattoon hir’isuu hin mul’atu-dhaabbatichi galiinsaa waggaa guutuus dabaleeti jira jedha dhaabbatichi.

Hogganaan dhaabbatichaa akkuma addunyaatti fedhii kophee bitachuu guddaatu jira jedhan.

Galiin dimshaashaa, gibira otoo hin kaffaliin jiru, kan baatii Eblaa hanga Waxabajjii doolaara miiliyoona 190 gaheera.

Hogganaan olaanaa dhaabbatichaa Andrew Rees galiin bara 2021 %65 akka gahu yaada, kanas isa Ebla keessa %50 gahe irraa ka’uun dubbata.

‘Fedhii maamilootaa guddaa’

‘’Maamilootni akka addunyaatti kophee keenya ‘Crocs’ bituuf fedhii guddaa akka qaban argaa jirra,’’ jedha Rees.

Maamiloonni kophee kana kan bitan ‘soolii’ lallaafaafi mijataa ijaa qabuufi uffannaa isaan sababii weerara Covid’n mana yeroo turan keewwatan waliin waan deemuufi jedha.

Kanaanis dhaabbanni Ameerikaa Kolaaraadoo jiru kuni gurgurtaan dijitaalaasaa %25.4 dabaleera, kunis gurgurataa waliigalaa keessaa tokko sadaffaa dha.

Erga dhorkaan kooviid salphatee boodallee fayyadamtoonni TikTok morkii #CrocsChallenge hirmaachaa kan jiran yoo tahu namoonni beekamoonis kophee kana lafa hin keenye.

Kopheen kuni jalqaba ogeessota fayyaaf kan hojjetame tahus, kopheewwan isa fakkaatan haala hin eegamneen gabaa irrattii mul’achuu jalqaban..

Dhaabbanni 'Crocs' baatii darbe Koomishinii Daldalaa Idila-Addunyaa Ameerikaa irratti himata banuu hime. Kunis koomishinichi dhaabota oomishaalee fakkaatanii hojjetaman alaa galchan irratti tarkaanfii fudhachuuf yaada dhiyeessinaani.

Kana malees suuqiiwwan 21 seera mallattoo daldalaa cabsan irratti himata baneera. Himannaan kunis raabsaa oomishaalee gargaraa Woolmaart jedhamu dabalata

Gama biraan dhaabbatichi weellisaa Jastiin Biibar waliin ijaa hojjetuuf, fedhiin maamilootaa bittaa kophee kanaaf qabaniifi dhiyeessiin jiru wal-simuu dhiisuu mala shakkiin jedhus jira.

Akka Rees gaazexeessitoootatti himetti dhaabbanni oomishaa Veetinaam jiru yeroof cufamuu danda’a.

Tahus dhaabbatichi ‘’daldala kanarratti abdii guddaa qaba,’’ jedhan. Namoota beekamoo waliin tahuunis Eeshiyaa, keesumaa Chaayinaatti hojjechuuf yaaduu, achitti carraan guddaa yeroo dheeraaf tahu jiraachuu hiam.