Dhaabbati uffanni isaa Covid-19 ittisa jedhe pawoondii miiliyoona 2.6 adabame

Madda suuraa, Lorna Jane
Dhaabbati Awustiraaliyaa uffata ispoortii hojjetu uffanni isaa tatamsa’ina Covid akka dhaabee fi “balleesse” waan dubbatteef paawondii miiliyoona 2.6 adabame.
Lorna Jane uffatta isaa yemmuu beeksisuu “teeknolojii addaa” LJ Shiild jedhamu kan “tatamsa’ina dhibee hunda” ittisu qaba jedhee ture.
Dhaddacha irratti abbaan murtii garuu beeksisi dhabbata kanaa “dogoggorsaa, kan maamiltoota adamsuuf qophaa’ee fi kan balaarra nama buusuu danda’udha,” jedha.
Lorna Jane murtee mana murtii simateera.
Dhaabbatichi odeeffannoo sobaa dhiyeessitoota isaan akka dogoggorfame waakkata. “Dhiyeessaan keenya ammannuun mi’i keenya akka waada seenametti hojii isaa hin hojjenne nuun jedhe, “ jechuun hogganaan Lorna Jane, Biil Kilaarksan himeera.
“Teeknoolojiin LJ Shield Awustiraaliyaa,, USA, Chaayinaa fi Taayiwaan keessaatti akka gurguramaa jiruu fi akka baakteeriyaa fi vaayirasii ittisuu danda’u nu amansiisani. Maamiltoota keenyaaf bu’aa gaarii buusaa jirra jennee amanne.”
Himannii seeraa kun gara Komiishinii Daldalaa fi Dorgommii Awustiraaliyatti (ACCC)kan dhiyaatte Adoolessa darbe keessa yemmu Lorna Jane uffata kana gurguruu eegaledha.
Murtee Jimaaata maxxanfameen, abbaan murti mana murti federaalaa, Lorna Jane “mamiltootaaf madda saayintifikaa fi teeknolojii akka qabutti dhiyeesse,” dhugaatti garuu homaa hin qabu ture jedheera.
Manni murtii dhaabbata kana kan adabe “maamiltootaaf odeeffannoo sobaa fi dogoggorsaa kennuufi wanta uummata doggogorsu keessatti hirmaateera,” sababa jedhuuni.
“Kun gocha badaadha, sababiinsa odeeffannoo sobaa madda hin qabne kan fayyaa uummataa miidhuu danda’u waan darbarseefi,” jedha ACCC irraa Rood Siimsi.
“Duullii dandalaa isaa hundi feedhi uummanni weerara irraa of eeguuf barbaadu irratti kan hundaa’edha.”
Dhabbatichi hundeessituun isaa, Lorna Jeen Kilaarkisan, beeksisa uffata LJ Shield kana ilaalee akka raggaasistee fi ofii ibsa miidiyaa irratti akkasumas viidiyoo Inistagiramii irratti odeeffannoo sobaa beekaa akka kennite amaneera
Adde Kilaarkisan, Lankashiir itti dhalatte boodarra maatii ishee waliin daa’ima taatee gara Awustiraaliyattti kan godaante yoo ta’u, dhabbata ishee kana wagga 30 ol dura eegalte.
Daldalli Lorna Jane, Awustiraaliyaa, Niiw Ziilaand US fi Singaappoor keessaatti suuqii kan qabu yoo ta’u, abbaan murti beeksisa dogoggoraa isaa sirreessu akka maxxansuuf ajajameera.
Kana boodas yoo madda sirrii qabaateen ala waggaa sadiif waa’ee uffataa ispoortii isaan wal qabatee wa’ee ittisa vaayirasii haasa’uu akka hin dandeenyeef ajajameera.
Torban darbes dhabbatti kun “beeksisa seeraan alaa’ Covid waliin wal qabate taasiseera himata jedhuun to’annoon qorichaa Terepiyuutikii doolara Awustiraaliyaa 40,000 akka adabamuuf murteesse .














