Mana poolisii malaammaltumman shakkameetti manni fincaanii warqeen faayame argame

Madda suuraa, sledcom.ru
Manni fincaani warqeen faayamee fi meeshaleen gati jabeessi biroo mana poolisii qorattonni Raashiyaa sakkata’an keessatti argameera. Qorattonni kun gartuu poolisoota malaammaltummaan shakkaman to’annoo jala olchaniidha.
Marsariitii Koree Qorannoo Yakkaa (SK) irratti viidiyoon mana guddaa wantoota gatii jabbiyyeen faayame agarsiisu mul'ateera. Kunn manneen sakkata’aman keessaa tokkodha.
Hogganaa poolisii tiraafikii nannoo kibba Sitavropool Koloneel Aleksii Safanoov dabalatee poolisootni ja’a biroon to’annoo jala oolaniiru.
Polisootni tiraafikaa daldaloota haaraaf eeyyama sobaa kennuun mattaa’aa fudhachaa akka turan himameera.
Eyyamni kun konkolaachistoonni keellaa yemmuu ga’an fe’umsaa eeyyama hin qabne kan akka midhaanii fi meeshalee ijaarsa dabarsuu akka danda’an isaan gargaaraa akka ture himameera.
Shakkamtoonni himata irratti dhiyaate irratti ammatti deebii hin kennine.
Sochii farra malaammaltummaa kana irratti humnootni poolisii Kaaba Kaakasus Raashiyaa hundi irratti hirmaataniiru. Wajjira poolisii tiraafikaa dabalatee bakka 80 akka sakkata’e kan himu SK, maallaqa hedduu fi konkolaatota gati jabbeessa to’annoo jala oolcheera jedha.
Dhabbatni qorannoo Raashiyaa SK, gartuun Saafanoov waggootii hedduuf matta’aa gara doolara 255,000 olitti tilmaamamu fudhachuu isaanii hima.
Himannaan irratti dhiyaateen yakkamaa ta’uun isaa yoo argame , Safanoov hidhaa wagga 15’n adabamuu danda’a. Itti aanaan isaa Aleeksaandar kanneen to’annoo jala oolan keessaa tokkodha.
Naannicha keessatti poolisootni tiraafikaa 35 ol to’annoo jala ooluu isaanii miseensi paarlamaa Aleeksaandar Kihinshityeen himeera.














