Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Boombiin gabaa Baagidaaditti dhohe namoota qophii ayyaana Iidaarra turan ajjeese
Haleellaa Boombii gabaa magaalaa guddoo Iraaq Baagidaaditti qaqqabeen yoo xiqqaate namoonni 25 ajjeefamuun, namoonni hedduun madaa’u maddeen dhimma nageenyaa himan.
Haleellaan kun gabaa Kaaba Sadri iddoo jedhamutti wayita namoonni ayyaana Iiid al-Adaha Kibxata har’aatiif waa bitachuun qopha’aa turanitti qaqqabe.
Haleellan boombii Baagidaaditti qaqqabe kun ji’oota jaha keessatti isa hamaadha.
Haleellaa boombii sana qaqqabsiisutti gartuun hidhattoota Islaamik Isteet(IS) miseensi isaanii tokko boombii dhoosu ibsuudhaan itti gaafatamummaa fudhateera.
Mootummaan Iraaq waraana gartuu jihaadistoota Muslimaa Sunni irratti labse xumura bara 2017 injifannoon goolabuu labsatee ture.
Haata’uu malee, gartuun hidhattoota kun riphxe loltummaa xixiqqaa ta’e biyyattii keessatti gaggeessu.
Ebla darbes IS haleellaa boombii konkolaataarratti kiyyeeffamuun iddoo gabaa biroo magaalaa Sadri jedhamu, bakka Muslimoonni warreen Shihaa itti heddummatan keessatti lubbuu namoota afurii dabarse.
Haleellaa badanii balleessuu lama addabaabahii Tayaraanitti raawwateen lubbuu namoota 32 galaafate duuba jiraachuu IS amaneera.
Haleellaan boombii sun ganna sadii keessatti haleellaa isa hunda caala hammaata ture.
Maddeen dhimma nageenyaa Rooyitarsitti akka himanitti, daa’immanii fi dubartoonni namoota haleellaa iddoo gabaa al-Wahilat jedhamutti qaqqabeen miidhaman keesssa jiru.
Kana malees dukkaanni ykn suuqiiwwan muraasni gubachuutu himame.
Dubbi himaan Waraana Iraaq akka himetti Ministirri Muummee biyyattii Musxafaa al-Kadhimii dhimma nageenya iddoo gabaa eegsisuun walqabatuuf gaggeessaa poolisii Federaaalaa biyyattii akka hidhamu ajajuun, qorannoon eegalameera.