Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraaqitti ibiddi hospitaala wal'aansa Covid-19tti ka'e yoo xiqqaate 50 ajjeese
Iraaq hospitaala bakka namoonni Covid-19n qabaman adda itti baafamuun wal'aanamanitti ibidda ka'een namoonni 50 ol lubbuu dhaban.
Ibddi kun magaalaa Nasriyaatti kan argamu hospitaala Al-Huseen jedhamutti kan ka'e oggaa tahu, Wiixata galgala keessa to'atamuu danda'eera.
Ka'umsi ibidda kanaa maal akka tahe ifa tahuu baatus, gabaasonni bahan akka mul'isanitti kuusaan ykn taankiin oksijinii dhoohuusaatiin akka tahe himu.
MM Iraaq Musxafaa al-Kadhemii hoogganaan hospitaalichaa akka qabaman ajaja kan dabarsan oggaa tahu, maatiin dhukkubsattootaa hospitaala fuulduratti walittii qabamuun mormii dhageessisaa turan.
Mormii kanarratti namoonni poolisootaan walitti bu'uufi konkolaataan poolisii lama ibiddi itti qabsiifamuu Reuters gabaaseera.
Bakki tursiisaa kun siree 70 kan qabu oggaa tahu, ji'a sadiin dura ijaaramuu qondaalonni fayyaa ejensii oduu APtti himaniiru.
Qondaalli fayyaa naannichaa akka himanitti, wayita abidichi ka'utti yoo xiqqaate namoonni 63 tahan turaniiru.
''Kutaalee yaalii koronaavaayirasirraa dhoohinsa guddaan dhagahe, achiis ibiddi oggasuu eegale,'' jechuun namni eegumsa hospitaalaa tahan tokko Royitarsitti hime. Barbaachi namoota baraaruufi kaan ammallee itti fufeera.
Af-yaa'iin paarlaamaa Iraaq Mohaammad al-Halbousi ergaa Twitter gubbaatti barreessaniin, ''ibiddi kun lubbuu lammilee Iraaq eeguu dadhabuu ifatti mul'isa. Kufaatii kanatti xumura gochuuf yeroonsaa amma,'' jedhan.
Ebla keessas hospitaala Baagdaad keessatti ibidda taankiin oksijinii dhoohuun dhalateen namoonni 82 ol lubbuu dhabanii turan. Sababa kanaan ministirri fayyaa biyyattii Hasan al-Taamimii aangoo gadhiisan.
Weerarri koroonaavaayiras tajaajila fayyaa Iraaq durumaanuu waraana bara dheeraafi malaammaltummaan miidhamee ture irratti, dhiibbaa cimaa qaqqabsiise.
Iraaqitti haga ammaatti namoonni miiliyoona 1.4 vaayirasichaan yoo qabaman, kanneen 17,000 ol tahan ammoo lubbuu dhabaniiru - akka ragaan Yunivarsiitii Johns Hopkins agarsiisutti.
Biyyi uummata miiliyoona 40 qabdu Iraaq, lammileeshee miiliyoona tokkoo ol tahaniif talaallii Covid marroo jalqabaa kennuushee, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ni hima.