Mosaajii ‘rogeeyyii basaasuuf mootummootatti gurgurame’- Pegaasis

Maxxanfame

Rogeeyyiin mirgaa namoomaaf falman, gaazixeessitoonni fi ogeeyyiin seeraa kutaalee addunyaa mosaajii basaasaa dhaabbanni Israa’el mootummoota abbaa irreetti gurgureen qiyyaafannoo keessa galuu gabaasni miidiyaalee mul’ise.

Lakkoofsi bilbilaa namoota hanga 50,000 ta’anii basaasamuuf maamiltoota kaampanii NSO jedhamuu irraa kaampanicha qaqqabuu odeeffannoon miliqee harka miidiyaalee gurguddoo galeera.

Lakkoofsi bilbilaa tarreeffame kun eessaa akka argame ykn bilbili eenyu fa’aa kanaan dura akka butame ifa miti.

NSO’n garuu dogoggoran hojjadhe hin qabu jedhee waakkate.

NSO’n akka jedhutti, mosaajicha yakkamtootaafi shororkeessitoota ittiin basaasuuf kan hojiirra oolu ta'uu akkasumas, waraana, qaamolee seera eegsisaniifi dhaabbilee basaasaa biyyoota mirga namoomaa kabajuurratti fooyyee qabaniitu itti gargaarama jedhe.

Ibsa baase keessatti qorannoon jalqabaa gabaasichaaf ka’umsa ta’e Dhaabbata Miti-Mootummaa ‘Forbidden Stories’ jedhamuufi jaarmiyaa Aminast Intarnaashinaaliin yoo ta’u,’‘ragaan kan hin deeggaramnefi yaad-rimee hin mirkanoofne’’jedhe.

Himannaan gabaasa mosaajii Pegaasis jedhamu kanaan walqabatu miidyaaleen akka Waashingten Poost, Za Gaardiyaan, Le Mondii fi miidiyaaleen 14 kanneen biroo gubbatti dhiyaate.

Pegaasis bilbiloota akka Aayifoniifi andirooyidiitti gargaaraman miidhuun basaastoonni dhaamsa barreeffamaa, suuraalee, imeelii, dhaamsa bilbilaa waraabame fi iccitiin sagalee guddistuu bilbilaa banuun odeeffannoo akka argatan gargaara.

Qorannoon ashaaraa bilbiloota irratti qiyyaafame keessatti tarreeffaman muraasarratti gaggeeffame mosaajii basaasaa kanaan walqabatu.

Gaazixeessitootni 180 ta’an tarree namoota mosaajii basaasaatiin irratti qiyyaafamtamee keesssa jiraachuun kan himame yoo ta’u, hojjattoota dhaabbilee AFP,CNN, Niwuyoork Taayimes, Al Jaziiraa fi miidiyaalee biroo keessa kanneen hojjataniidha.

Dubartoonni lama gaazixeessaa Sa’udii ajjeeffame Jamaal Kaashogjiitti dhiyaatanii fi gaazixessaan Meeksikoo Sisiliyoo Pineda Birtoo ajjeefame kanneen bilbillisaanii tarreeffame keessatti argamu.

Bilbiloonni tarreeffaman kunneen kan hoggantoota biyyaafi mootummaa, miseensota maatii warraa mootii Arabootaafi hojii gaggeessitoota bizinasii dabalata.