Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baayidanii fi Markel 'dubbi barbaacha Raashiyaarratti' tokkooman
Ameerikaa fi Jarmaniin dubbii barbaacha Raashiyaa irratti waliin dhaabbatu jedhan Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan, wayita Chaansilarri Jarman aangoo gadhiisuu jaran Angeelaa Markel Waashingtanitti simatanitti.
Baayidan dhimma ujummoo boba'aa Raashiyaa-hanga- Jarmanii irratti Aaddee Markeliif yaaddoo isaanii ibsu dubbatanii, garuu Mooskoon inarjii akka meeshaa waraanaatti akka fayyadamtuuf hayyamuu akka hinqabaanneerratti waliigalle jedhan.
Akkasumas biyyoonni michuu lamaan tarkaanfii farra dimokraasii Chaayinaas akka morman Baayidan himan.
Aadda Markel kan pirezidaantoota Ameerikaa afur waliin michumaan hojjatan amma aangoo gadhiisuuf.
''Waliin dhaabbanneerra, ammas dubbi barbaacha Raashiyaarratti michummaa bahaa keenya ittisuuf waliin dhaabbachuu itti fufuun,'' jedhan Baayidan ibsa Markeel waliin Kamisa gaazexessitootaaf kennaniin.
Dhimma ujummoo boba'aa umamaa 'Nord Stream 2' doolaara biliyoona 11n xumuramuuf jiru irratti lamaanu ijaan wal arganii akka hinbeekne himan.
Dhiheenya kan 'Nord Steam 2' irraa qoqqobbii kaa'an kan kaasanii turan Baayidan "Hirriyaan gaariin walii galaluu danda'a'' jedhan.
Itti dabaluunis Pirezidaantiin Ameerikaa Baayidan, ''Chaayinaanis ta'ee biyyi biraa kamuu yoo hawaasa bilisaafi ifaa dadhabsiisuuf kan hojjatan agarree qajeelafama dimokraasitiifi mirga namoomaatiif ni dhaabbanna,'' jedhan.
Jarmaniifi Chaayinaan michoota daldalaa cimoo ta'anilleen dhimma mirgoota namoomaa irratti yeroo tokko tokko Barliin Beejiingiin ni qeeqxi.
Kana malees Ameeriikaan Haatii biyya dhiheenya kana pirezidaantiin jalaa ajjeeffamuun hookkara keessa cimaa jirtuutti loltootashee erguuf 'ammatti qophaa'oo' miti jechuun gaazexessitootaatti himte.
Akkasumas dhimma mormii Kubaatti gaggeeffamaa jiruuf kan gaafataman Baayidan, ''biyyi kasarte lammileeshee ukkaamsaa jirti'' jedhan.
''Koministiin sirna kasaareedha. Sadarkaa addunyaatti kan kufeedha. Soshaalizimiin bu'aa qabeessa ta'e hinagarre,'' jedhan.
Dureewwan lamaanu walgahii sa'aatiiwwan taasisaniin walitti dhufeenyaaf xiyyeeffannaa kan kennan yoo ta'u, Markeel irra deddeebiin pirezidaanti Baayidaniin ''michuukoo'' jedhaniiru.
Akkasamuas Markeel lammiilee Jarman balaa lolaa biiyattii mudateen lubbusaanii dhabaniif gadda itti dhagahame ibsatan.
Hoggantuun Jarman tunis pirezidaantii duraanii Ameerikaa kan turan Dolaand Tiraamp waliin walitti dhufeenyi qaban qabanaa'aa kan ture yoo ta'u, bara aangoo isaanitti akkasumas darbee darbee Joorji Buushiifi Baaraak Obaamaa waliinis mudama keessa galaa turan.
Bara 2005tti aangoo kan qabatan Markeel, filannoo baatii Fulbaana dhufu gaggeeffamu irratti hindorgoman.
Paartiinsaanii Gamtaan Dimokraasii Kiristaan sagalee ummataan dursaa jira.