Namoota achi buuteen isaanii dhabame iyyaafachuu eegaluuf jedhe Komiishiniin Mirgoota Namoomaa

Asxaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa

Madda suuraa, EHRC

Maxxanfame

Namoota achi buuteen isaanii wallaalamee iyyannoon hedduun isa dhaqqabaa akka jiru fi barbaacha eegaluuf akka ta'e Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa beeksise.

Iyyannoo komiishinichi na dhaqqabe jedhe keessaa tokko kan Koongirasiin Federaalawaa Oromoo iyyate dhimma miseensa dhaabichaa Obbo Mallasaa Caalaati.

Godina Shawaa Lixaa aanaa Baakkoo Tibbeetti miseensi buleessi KFO Mallasaa Caalaa jedhamu mana jireenyaa isaatii butamuun achitti buuteen isaa dhabame hedduu akka isa yaaddesse KFO'n xalayaa Komiishinii Mirgoota Namoomaaf barreesseen ibseera.

Miseensi Koree hoji raawwachiistuu dhaabichaa Obbo Xuruneeh Gamtaa BBC'tti akka himanitti Obboo Mallasaa Caalaa mana jireenya isaanii magaalaa Buraayyuu jiru irraayi Eebla 13, bara 2013 halkan sa'aatii 6tti kan butaman.

"Hojii ooleeti manasaatti kan gale. Maatii isaa Baakkootti dhiisee kan asitti galeyyuu yaaddoo nageenyaa qabuuf jecha. Namootni isa wajjin qabaman Awaash Arbaatti hidhamanii bahan. Ergasii Obbo Mallasaan ajjeefamuu ergaan maatii gahee maatiinis boohani" jedhan.

Obbo Mallasaan mana hidhaatii baafamanii ajjeefamuu isaanii ergaan maatii gahee maatiin booyicha taa'anillee, ragaa qabatamaan ajjeefamuu isaaniis ta'ee lubbuun jiraachuu isaanii ibsu garuu akka hin argamnes himan.

Sababa kanaafis KFO'n xalayaa Adoolessa 5, bara 2013 barreesseen Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhimma miseensa isaanii kana qoratee, yoo ajjeefaman akkamittii fi eenyuun akka ajjeefaman, yoo jiraatan ammoo eessa akka jiran akka qulqulleessuuf gaafateera.

Obbo Mallasaa Caalaa ammaan dura KFO bakka bu'uun miseensa Caffee Oromiyaa akka turanillee dhaabni isaanii himeera.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhimmi Obbo Mallasaa Caalaa kun akka isa gahe ibsuun iyyannoowwan akkanaa baay'inaan komishinicha qaqqabaa akka jiran eereera.

Obbo Mallasaa Caalaa

Madda suuraa, Marsaa Hawaasaa

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Mallasaa Caalaa - miseensa KFO

"Maatiin namni isaanii... lubbuun jiraachuu fi dhiisuu wallaalle jedhan hedduun nutti iyyachaa jiru''

Iyyannoon KFOn dhiheeffate kan nama dhuunfaa tokkoo ta'us, qaamoleen achi buutee miseensa maatii isaanii gaafatan hedduun gara komiishinichaatti iyyachaa jiraachuu Komishinichatti daayirektara qorannoo naannolee kan tahan Obbo Imaad Abdulfattaa BBC'tti himan.

"Maatiin namni isaanii hidhamee bakka itti hidhame hin beeknu, lubbuun jiraachuu fi dhiisuu wallaalle jedhan hedduun nutti iyyachaa jiru. Kanaaf gaaffii kana deebisuuf jecha guyyoota muraasaan booda koree waan kana hojjetu ni hundeessina," jedhan.

Koree hundaa'e kanaaf mootummaan naannichaa deeggarsa yoo godhe, komishinichi namoota achi buuteen isaanii dhabamee fi hin beekamne kunneen barbaacha akka eegalu Obbo Imaad himaniiru.

Erga yeroo dhiyoo as lakkoofsi namoota mana hidhaatii baafamanii eessa akka geeffaman wallaalamaa jiranii dabalaa jira.

Mana murtii waliigalaa Oromiyaa fi Federaalaa bilisaan akka bahan murteessee kan ture qondaaltonni ABO lama Lammii Beenyaa fi Daawwit Abdataa kanneen mana hidhaa keessa turanirraa baafamanii bakki geeffaman wallaalame keessaati.

Erga mana hidhaatii baafamanii eessa akka jiran akka hin beeknee fi lubbuu isaaniitiif yaaddoo akka qaban maatiin BBC'tti himaniiru.