Masrii: Ibiddii jidduugala mana amala sirreessaa ijoolleetti ka'e jaha ajjeese

Maxxanfame

Masriitti ibidda jidduugala mana amala sirreessaa ijoollee keessatti ka'een yoo xinnaate ijoolleen jaha yoo du'an 20 madaa'u qondaaltoonni himan.

Balaan kun guyyaa Kamisaa kan jidduugala aanaa Al-Marga Magaalaa guddittii Kaayiroo keessatti mudate.

Maddi balaa kanaa hanga qoratamuttis hoogganaan dhaabbaticha to'annaa jala oolfamaniiru.

Balaa kanaaf maaltu akka madda ta'e ammatti ifa ta'u baatulleen, garuu qorannoon jalqabaa balaa sarara ibsaatiin qaqqabe akka ta'e yaadamu midiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

Balaan ibiddaa kunis lola jidduugalicha keessatti ijoollee lama jidduutti umamee hordofee mudachu qondaaltoonni AFPtti himan.

Maddi oduu Araboota-Masrii, 'Masrawy' jedhamu tokkoo akka jedhetti ibiddichi jidduugalicha keessatti gartokkee tokko keessatti qofaa kan murtaa'e jedhan.

Jidduugala amala sirreessaa ijoollee balaa ibiddaa kun mudate kanatti ambulaansiiwwanii fi konkolaatonni bobbaafamuun himameera. Ibiddichi hojjattoota siviliitiin to'annoo jala oolfame.

Yeroo dhiyoodhaa as Masrii keessatti balaa ibiddaa yeroo garaa garaa mudachaa jiraachun ulaagaalee nageenyaa biyyattii irratti yaaddoo umeera.

Bitootessa keessatti yoo xinnaate namoonni 20 kan du'an yoo ta'u, kanneen biraa 24 ammoo balaa ibiddaa warshaa huccuu Kaayeroo keessatti ka'een miidhamanii ture.

Akkasumas bara darbe ammoo, taateewwan balaa ibiddaa kuma 52 kan qaqqaban yoo ta'u, namoonni 200 du'uun Masrii keessatti galmaa'u odeeffannoon waajira Ejansii Istastikii biyyattii irraa argame ni mul'isa.