Ibidda hospitaala Iraaq keessatti qabateen namoonni 82 du'an

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Ibidda hospitaala dhukkubsattoonni koronaavaayirasii keessatti wal'aanaman keessatti Iraaq, Baagdaadiitti ka'een yoo xinnaate namoonni 82 lubbuu isaanii dhaban.

Ibidda Sanbata halkan Hospitaala Ibn Khaatib jedhamu keessatti ka'ee kanaan 100 ol ta'an laboobaan miidhamaniiru.

Gabaasaaleen balaan kun erga taankariin oksijiinii dhoheen booda akka ka'e himu.

Viidiyoowwan miidiyaalee hawaasaa irratti mul'atanis hojjattoonni balaa ibiddaa wayita ibiddicha dhaamsuuf yaalaniifi namoonni gamoo keessaa yoo baqatan mul'isu.

MM Iraaq Musxaffaa al- Kaadiim sababiin taatee ''balaa gaddisiisaa'' jedhanii kanaa hatattamaan akka qoratamuuf waamicha taasisan.

Dureen Ittisa Siviil Iraaqi, Meejar Janaraal Kaadim Gohaan midiyaa biyyatiitti akka himaniitti, ibiddichi kutaa dhukkubsattoonni hordoffii cimaa barbaadan (ICU) lafa wal'ansa ''somba itti dammaqsiifamuu'' ka'ee jedhan.

Hospitaalichatti ''Namoonni 30 kutaa wal'aansa dhukkubsattoota cimaa (ICU) keessatti'' wal'aanamaa akka turan maddeen hospitaalcchaa AFPtti himan.

Dhukkubsattoonnifi maatiiwwan ibiddichaan hin miidhamiinis ambulaasiin gara hospitaala biraatti dabarfaman.

Ittisi Sivilii biyyattis ibiddichi Dilbata sa'aatiiwwan ganamaa keessa to'annaa jala oolfamu beeksiise.

Bulchaan Baagdaad Mohaammad Jaaber gama isaanitiin, waamicha MM biyyatti deeggaruun qaamni of eegannoo hin taasifne yoo jiraate ''seeratti akka dhiyaatuuf'' qorannoon hatattamaan akka gaggeeffamu gaafatan.

Komishiniin Mirga Namoomaa Mootummaas ibsa baaseen, taateen kuni ''yakka dhukkubsattoota Covid-19n dadhaban irratti raawwatameedha'' jedhe.

Hospitaaloonni Iraaq waraana bara dheeraaf gaggeeffameef, dagatamu akkasumas malaammaltummaatti dabalamee, tibba weerara koronaavaayirasiitti dandeettiin ol keessummeessaa jiru.

Iraaq keessatti koronaan erga baatii Guraandhalaatii kaasee garmalee dabaluun lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii waliigalatti miliyoona kan caalee torbanuma kana keessa ture.

Ministeerri Fayyaa biyyattii akka jedhuutti namoonni 1,025,288 vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u, 15,217 ammoo ittiin du'aniiru.

Biyyattiin duula talaallii baatii darbe keessa kan eegalte yoo ta'u, doozii talaallii kuma 650 kan irra caalli isaa Covax, sagantaa idil-addunyaa talaaliiwwan qoduutiin argattee jirti.