Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dargaggoo Mohaammad Deeksisoo hidhaarraa gadhiifame
Guraandhala darbe sagantaa eebba barattoota Yunivarsiitii Jimmaarratti kan qabame Dargaggoo Mohaammad Deeksiisoo gadhiifamuu maatiin mirkaneessan.
Obbboleessi Mohaammad, Sulxaan Deksisoo BBC'tti akka himetti Mohaammad har'a ganama mana Hidhaa Awaash malkaasaa irraa gadhiifamee jedheera.
Mohaammad Deeksisoo Guraandhala darbe waaltajjii eebba barattoota Yuunivarsiitii Jimmaa irratti sagalee mormii namoota hidhamanii fi haqa Haacaaluu Hundeessaaf jedhu erga dhageesiseen booda ture kan hidhame.
Mohaammad waltajjii Pireezidantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi aanga'oonni olaanoo mootummaa Federaalaa argamanitti ture ''Free Jawar Mohammad, Justice for Hachalu'' jechuun sagalee guddistuun galma sirni eebbaa gaggeefamu keessatti kan dubbate.
Mohaammad dabalatee namoonni isa waliin hidhaman lama marroo duraatiif hokkora kakaasuu fi qaama hidhatee socho'u waliin hariiroo qabaachuun shakkamuu poolisiin magaalaa jimmaa mana murtiif ibsee ture.
Irra deebiin ammoo 'yakka ajjeechaan' shakkamuu isaanii poolisiin himee ture.
A.L.I Guraandhala 6 bara 2013 manni murtii mirga wabii eeguufi hordofee Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Mohaammad Deeksisoo hatattamaan akka gadi dhiifamu gaafachuun ibsa baasee ture.
Wanti Mohaammad Deeksisoo godhe yakkaan nama gaafachiisa jedhee hin amanu jedhe komiishinichi.
Dabalataan Mohaammad guyyaa to'annoo jala oolfame poolisootaan reebichi irratti raawwatamu komiishinichi himee ture.
Manni Murtii aanaa magaalaa Jimmaa dhaddacha ALI gaafa 07/07/2013 ooleen Mohaammad Deeksisoo yeroo lammaffaadhaaf wabiidhaan akka gadhiifamuuf murteessee ture.
Abukaatoon isaa Obbo Obsinaan Girmaa erga mirgi wabii eegameefiin booda garuu poolisiin osoo hin gadhiisiin torbe lamaa oliif turuu BBC'tti himan.
Boodas qarshii wabiidhaaf gaafatame kanfalee mana hidhaatii bahee erga namootaanis wal-argeen booda poolisiin deebisee too'annoo jala oolche jedhan.
Poolisoonni Humna Addaa Oromiyaa paatirooliidhaan fudhanii deemuu isaaniitiin alatti eessa akka geessani quba akka hin qabnes himan Obbo Obsinaan.
Obboleessi Mohaammad Sulxaan Deksiisoo yeroo dheeraaf maatiin Mohaammad eessa akka geeffame quba akka hin qabnefi yaaddoo keessa galuu BBC'tti himee ture.