Mucaan Ayerlaand ganna 10 maallaqa badhaasaan argate jabbilee bitachuuf oolche

Madda suuraa, RTÉ
Naannoo keessaniitti daa'imman waggaa 10 osoo badhaasaan Birrii 60,500 ykn Yuuroo 1,000 argatan maal kan ittiin bitatan isiniitti fakkaata? Kompitara? Mootara? Uffata? Ykn nyaataafi dhugaatii daa'immaniif oolchuu filatuu laata?
Daa’ima ganna 10 lammii Ayerlaand Wiiliyaam Wuudsiif garuu battaluma maallaqa badhaasaa argateen dhimma abjuu isaa gara fuulduraa guutuu raawwachuuf murteesse.
Mucaan Ayerlaanditti jiraataa Kaawuntii Kavaan, Baaliikorneel irraa ta’e kunis maallaqa badhaasaan argateen jabbilee ja’a bitate.
“Beeyladoota keessaa kanan baayyee jaaladhu saawwan waan ta'aniif, maaliifan isaan hin bitadhu jedhee murteesse,” jechuusaa miidiyaaleen biyyattii gabaasan.
Ayyaana Qilleerratti badhaasa mo’ate kanaan loon bitate kunneen tiksuun kan yaadeen ol cimaa ta’uus, muuxannoo isaa akka jaallatu hima.
“Callisee wanuman dirreetti baasee, nyaachisee kanan fixu natti fakkaatee ture, ta’us garuu hojii cimaa isaatti gammadeera,” jedha.

Madda suuraa, RTÉ
Daa’imni qonnaan bulaa kun jabbilee kunneen guddisuun waan baayyee akka bare miidiyaatti hime.
“Wanta tokko hojjechuu qabda, callistee homaa utuu hin hojjatiin teessee oluu hinqabaattu. 'Jireenyikoo gaarii miti' jechuu akka hin qabne na barsiiseera,” jedha.
“Wanta jaallattu tokko qabaachuu qabda jedheen amana,” jedha. Wiliyaam bona keessa loon isaa xiqqoo kana tiksuuf akka gammadeeru hima.
“Jabbilee namatti tolaniidha. Isaan tiksuu, yoo marga dheedan ilaaluu, fayyaan isaanii eegamaa ta’uu hordofuu, marga nyaachisuu fi waan biroo gochuu nan jaalladha. Yoo hin nyaatan ta’e, ni dhukkubsatu jechuudha,” jedha.
“Kankoo waan ta’aniif miira adda ta’een qaba.”
Yeroo weerara Covid-19tti mana ta’anii barachuu fi hiriyyoota isaa irraa adda ba’uun cimaa akka ta’e hima.
“Mana keessatti taa’aanii barachuun wanuma ta’u miti. Mana barumsaa hin fakkaatu. Mana yeroon yaadu bakka boqonnaa, bakka itti kubbaa taphattu ykn jabbilootakee tiksitu malee bakka itti barumsa barattu miti.”
'Hiriyyoota kiyya yaadeera'
“Hiriyyootakoo baayyeen yaada, isaan waliin karaan itti wal qunnamu hin jiru ture,” jedha.
Wiiliyaam akka maatii isaa qonnaan bulaa ta’uu kan barbaadu yoo ta’u, jabbilee jaha qofaan dhaabuu akka hin barbaadne hima.
“Ofiikoo isaan bitachuukootti nan boona,” jedha.
“Waggaa dhufu dabalee nan bitadha. Jabbilee kunneen guddisee nan gurguradha. Yeroo isaan gurguraman ammoo, kan biraa umurii ganna tokko ga’u nan qabaadha. Namatti tola.”

Madda suuraa, RTÉ














