UKn hidhaa duree finciltoota Naayijeeriyaa keessaa harka hinqabu jette

Madda suuraa, AFP
UKn hogganaan garee fincintoota kibba baha Naayijeeriyaa, Inaamdii Kaanuu dabarfamee motummaaf kennamuu fi hidhamuu isaa keessaa harka akka hinqabne waakkaatte.
Siriiyyuu haala hidhaa isaarratti ibsan barbaada jechuun gaafattee jirti.
Mr Inaamdii lammummaa Naayijeeriya fi kan Ingliiz lamaanuu kan qabu yoo ta'u, garee adamsitoota yakkamtoota Idil-addunyaa (Interpol'n) to'annoo jala kan oolfame Dilbata darbe ture.
Abbaan alangaa biyyattii akka beeksiisetti, namni kunis dirqiisiifamuun gara Naayijeeriyaatti akka deebii'u taasifameera.
Yakka biyya ganuutiin himatamee kan ture Inaamidiin, wabiin osoo jiruu ture waggoota afuriin dura kan biyyaa bahe.
Waggoota darbaniif jireenyasaa Ingliiz keessa akka taasifatee ture kan tilmaamamu yoo ta'u, to'annaa jala kan oolfames achuma Yunaayitid Kiingidam keessattidha ragaaleen jedhan bahaa jiru.
''Isiniif mirkanneessuu kan barbaadnu, Inaamdii Kaanuu dabarfame akka kennamu jedhamee UKtti to'annoo jala hinoolfamne,'' jechuun ture dubbi himaan Komishinii Olaanaa Ingliiz kan Naayijeeriyaa keessaa BBCtti kan himan.
Dubbi himaan, Diin Harlook akka jedhaniiti, UKn adeemsi dhaddacha isaallee haaluma seeraatiin akka gaggeeffamu eegdi.
Wayita ammaa kanattis to'annoo poolisii icciitii Naayijeriyaa jala jiraachuun kan ibsame yoo ta'u, guyyaa Kibxataa sa'aatii muraasaaf mana murtiitti dhiyaatee ture.
Adeemsi mana murtii nama kanaas Adoolessa 26 ni eegalama jedhamera.
Ga'eessa waggaa 53 kan ta'an Inaamdii Kaanuu, Naayijeeriyaatti beekamtii argachuu kan eegalan, buufata raadiyoo Baayaafiraa jedhamu bara 2009tti Landan irraa tamsaasuu eegaluu isaanii hordofeeti.
Raadiyootti fayyadamuunis walabummaa Baayaafiraatiif mormaa kan ture yoo ta'u, hordoftoonni isaas meeshaa waraanaa hidhachuun mootummaa Naayijeeriyaatiin akka lolaniif waamicha dabarseera.
Waggoota shaniin booda ammoo dhaabbata Ummata Ganamaa Baayaafiraa (Ipob) jedhamu hundeesse. Motummaan Naayijeriyaas dhaabbatichaan shororokeessaa jedheera.
Bara 2014tti wayita Inaamdii Kaanuu to'annoo jala oolfameetti mormii olaanaan ka'ee ture.
Inaamdii Kaanuu ummattoonni Iboo ganamaa walabumaa isaanii labsachuu qabu jechuun waan haaraa miti.
Bara 1967tti hoggantoonni Iboo walabummaa bulchiinsa Baayaafiraa labsanii turan. Haata'u malee, wal waraansa hordofuun namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman du'anii gareen finciltootaas mo'ameera.
Haata'u malee yaadni walabummaa kunis gutummaatti hin duune. Waggoota muraasaan boodas deebii'ee dagaaguu eegale.
Bara darbe keessa damee waraanaa 'Ipob Eastern Security Network' jedhamu kan hundeesse yoo ta'u, qoondaaltonnis buufataalee poolisii fi dhaabbilee mootummaa irratti haleellaa raawwateera jechuun himatu.
Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Muhaamaadu Buhaariinis ijaarsa kana akka diigan waadaa galaniiru.













