Waraana Tigiraay: Guyyaa haleellaan xiyyaaraa Tigraay raawwatamee maaltu mudate?

Namoota haleellaa qilleensaa madaa'an keessaa tokko wayita ambuaansii keesaa baafaman

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Haleellaa xiyyaaraan kaaba Itoophiyaa naannoo Tigiraayitti lafa gabaatti mudatee ture hordofee ragaalee wal faalleessoo ta'an hedduun bahaa jiru.

Mootummaan Itoophiyaa haleellichi kan hidhattoota irratti xiyyeeffate ta'uu ibsulleen, maddeen hedduun garuu dubartootaafi daa'imman dabalatee lubbuu namootaarra miidhaa olaanaan qaqqabuu isbaniiru.

Dhimma guyyicha mudate adda baafachuuf odeeffannoo ragaalee, suuraalee saatalaayitiifi ibsawwan aanga'ootaa fayyadamneerra.

Haleellichi attamiin mudate?

Guyyaa Kibxataa Wiixata 22, 2021 sa'aatii 7n booda mucaan suuqiiwwan mandarichaa keessaa tokkootti xabataa jiruu dhoohinsa olaanaa dhagahu hima.

''Atatamaan yoo bahuu namoonni baayyeen miidhamanii lafarrati kufanii arge. Osoon naannichaa baqachuuf fiigu miilli kiyyaa miidhame'' jechuun BBCtti hime.

Dhohinsichi kan mudate magaalaa Togogaa naannawa lafa gabaatti yoo ta'u, eddoon kunis magaalaa guddoo naannichaa Maqalee irraa gara Kaaba Lixaattii fageenya km 25 irratti argama.

Namoonni ijaan arganiifi midhamtoonni BBC Tigriffa waliin gaaffiifi deebii taasisan akka himaniitti, taatee haleellaan dura tureefi waan mudate ibsaniitu.

Aanga'oota garee mormitoota keessaa tokko kan ta'e Haayilu Kabaddaa akka toora tiwitara isaarratti barreesseetti taateen haleellaa xiyyaaraa kun sa'aatii 7:37 irratti mudate.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Lafti gabaa dirree qabu kunis suuqiiwwan shaqaxa garaa garaa, suuqiiwwan uffanni keessatti hodhamuufi manneen dhugaatti fa'i qaba.

Wayita haleellaan misaa'elaa raawwatmeetti intalli tokko gabaa sana keessaa waa bitaa turte. wayita isheefi kaan naannawa ishe turan kufan argu dubbatti.

Namoonni haleellaa sanarraa lubbuun hafan gara hospitaala Maqalee kanneen geeffaman keessaa muraasni waa'ee taatee kanaa ilaalchisuun dubbatu.

Konkolaachisaan atobisii naannichaa tokko BBCtti akka himaniitti, ''taateen mudatee baayyee sukkaneessaadha'' jedhu. ''Manneen diigamaniiru. Namoonnis jijjigaa jalatti dhokataniiru. Namootaafi reeffa muraasa baasuun cimaa ture.''

Namoota lubbuun hafan keessaa namoota 15 atobisichaatti fe'uun gara Maqalee geessuuf daandii eegalan illeen qondaaltoota waraanaatiin akka deebii'u itti himamu dubbata.

Wayita gara Togogaatti deebii'eettis namoota miidhaman keessaa shan lubbuunsaanii darbu ibseera.

Itti gaaftamaan Waajjira Fayyaa Tigraay tokkoos ambulaanii gara bakkichaatti erguuf yaaluu BBCtti himuun, namoonni uffata waraana raayyaa Itoophiyaa uffatan akka daandii deebiisan ibsaniiru.

Bulchiinsa yeroo naannichaa irraa xalayaa akka fidan ajajamanii turan. Wayita xalayicha qabatanii deebii'an ammoo xalayaa dabalataa akka waajjira pirezidaantii irraa fidaniif ajajaman. Kun gara kan hindanda'amne ture.

Hojjattoonni yeroo balaa tasaa kaanis seenaa sochiisaanii danqee walfakkaataa gabaasa taasiasaniiru.

Naannoo Tigraay lafa haleellaan itti raawwatame

"Dhohiinsichi hamaa ture"

Obbo Kabadaan haleellaa mudate hordoofuun miidhaa naannichatti mudate kan agarsiisu suuraa saataalaatiidii ifa hintaane maxxansanii ture. Jiraattoonni naannichaa jalqaba sagalee jettii kan dhagahan yoo ta'u, sakandiiwwan muraasaan booda ammoo dhohiinsa dhagahu BBCtti himan.

''Naannichi dhagaan kan guutame waan ta'eef dhohiinsichi balaafamaa ture'' jedhan. "Gara Kibba gabaatiin manneen kan miidhaman yoo ta''u, gama kaabaatiiin gabaan baayyee miidahamera.''

"Ijoollee hiriyaa kiyyaa lama miidahamaniiru. Tokko yoo ajjeefamuu ishee tokko miilli irraa citeera'' jedhan.. Eddoonsaa gabaa Kobxataa ykn afaan naannichaatiin Togogaa Idaagaasaluus jedhamee beekama. Guyyaan haleellaan itti qaqabees Kibxatuma.

Obbo Kabadaan guyyaa sana gabaan kan namoonni baayyeen itti hirmaatan ta'uu qaba jedhu. Sababiinsaas guyyaan gabaa sunis kan waqxii qonna naannichaa torban tokkoon dursee dhufe waan ta'eef jedha.

''Qonnaan bultoonni sanyii qonnaa bitachu dhufaniifi kaan kan shaqata daldalan akkasumas eeddoo warri kaanis waa itti bitataniidha. Kunis lafa gabaa naanawa Maqaleetti argama ho'aa keessa tokko.''

Namoota miidhamanii gara Maqalee geeffaman keessaa tokko

Madda suuraa, Getty Images

Motummaan Itoophiyaa maal jedhe?

Galgala guyyaa Kibxataa haleellaan itti raawwatameetti BBCn dubbi himaa Raayyaa Ittisa Itoophiyaa kan ta'an Kolaneel Geetinatti Adaana dubbisee ture.

Tibba sanattis xiyyaarri lafa gabaatti haleellaa raawwachu waakkataniiru.

''Nuti gonkumaa lafa gabaatti haleellaa hinraawwanne. Kun attamiin ta'u danda'a? Raayyaan kan kiyyeeffate ilaamaasaa rukutuuf dandeettii qabuda'' jedhan.

''Haleellaa qilleensaa raawwanneera. Garuu ammoo kiyyeeffannoowwan muraasa qofarratti. Haleellaan lafa gabaarratti raawwatameera jedhu gonkumaa kan dogongoraati.''

Guyyaa Kamisaas Koloneel Geetinaatti miidiyaalee biyya keessaatti akka himaniitti, haleellaan kan raawwatame hidhattoota garee finciltoota Tigraay guyyaa wareegamtootaa kabajaa turan irratti jechuun beeksiiseera.

Dabalataanis haleellaan qilleensaa kan raawwatame, ''wayita gabaan xumuramu danda'uutti sa'aatii 9n booda'' jedhan illeen namoota taatee ijaan argan kan BBCn dubbiseefi ragaalee miidiyaale hawaasaa garuu haleellichi kan raawwatame sa'aatii gabaan walgeessuu naannawa sa'aa 7 irratti ta'u mul'isu.

Koloneel Geetinatti madda oduu Rooyitarsiitti akka himaniitti, waraanichi Togogaatti hidhattoota uffata siviilii uffatan haleeluu beeksisanii, haleellichi garuu lafa gabaatti hinraawatamne jedhaniiru.

Humnootiin Tigraay naannicha turanii?

Kanaaf deebiin beekamu hinjiru. Naannichi hojjattoota balaa tasaa fi gaazexessitootaaf kan daangeeffameedha. Motummaan naannicha keessa lolli jiraachu eeruun humnootii Tigraay naannicha keessa sochii taasisaa jiraachu himeera.

Togogaan karaa gara Maqalee geessuufi bakka dhiheenya waraanni cimaan ittti gaaggeefamee ture jidduutti kan argamtuudha. Guyyaa Kibxataa sana hidhattoonni gabaa magaalatiitti ykn naannawichitti argamusaanii karaa itti baramu hinjiru.

Ragaaleen naannichaa BBCn dubbisee loltoonni naannicha akka hinturre himanilleen, jiraattoonni naannichaa osuma loltoonni naannicha turan illeen ifa baasuun dhiisu danda'u.

Haata'u malee, wantti ifa ta'ee tokko, haleellaa guyyicha lafa gabaatti raawwatameen siiviloota miidahaman keessaa hedduu dubartootaa fi ijoolleen ni argamu.