BBCn Iraan hojjatoota koo doorsiisaa jirti jechuun UNtti iyyate

Qorannoo gaggeeffamen hojjattoota BBC Tajaajila Peershiyaa irratti dorsoofni qaqqabuutu himame
Maxxanfame

BBCn hojjatoota waajirsaa BBC Tajaajila Peershiyaa irratti mootummaa Iraaniin doorsiisoon raawwatamaa jira jechuun Mootummoota Gamtoomaniitti iyyate.

Hojjattoonni basaasa Iraan hojjatoota dhaabbatichaa kanneen Landaniitti bu'ureeffachuun hojjatan isin bunnee gara Iraanitti isin geessina jechuun doorsisan jedhame.

BBCnis nageenyummaa hojjattoota isaatiif wayitaiyyata Mootummoota Gamtoomaniitti dhiyeeffatu kun jalqaba isaa hinturre.

Iraan ammoo himanna irratti dhiyaatu kanaan dhara jechuun, tajaajilli BBC Parshiyaa ammoo motummaa kufiisuuf jecha odeeffannoo dharaa tamsaasaa jira jechun himatte.

Bakka butoonni seeraa BBC ganasaanitiin, Mootummoota Gamtoomaniitti Yaa'iin Mirgoota Namoomaa (UNHRC), dhimmicharratti tarkaanfii akka fudhatu waamicha dhiyeessaniiru.

Lammileen Iraan miliyoona 18 kan ta'an jechuunis baayyina uummata biyyattii keessaa harka tokko sadii isaanii idileedhaan tajaajila BBC Parshiyaa karaa toora intarneetii, raadiyoo ykn Saatalaayitii TVtiin hordofu.

Haata’u malee, Iraan keessatti tajaajilli Afaan Faarsiiin darbu uggurameera. Qondaaltonni biyyattii keessatti lammiilee biyyattii BBC waliin hidhata qabu jechun shakke to'annaa jala oolche ture.

BBCn qorannoo keessoo hojjattoota tajaajila Paarshiyaa 102 irratti Bitootessa 2020 gaggeesseen kanneen 70 irratti motummaan Iraaniin dorsiifnni raawwatamu himame.

Hojjattoota dhaabbatichaa harka sadii keessaa tokko kan ta'an ammoo maatiinsaanii kanneen Iraaniitti argaman tokko ykn isaan ol ta'an aanga'oota Iraaniin gaaffiif jechuun fudhatamanii turan jedhame.

Sababii kanaanis kanneen wallakkaan ol ta'an dhiibbaa irra gahu sodaachuun hojii isaanii dhiisanii bahu jedhame.

Sagantaa mariin BBC’n Kamisa darbe karaa toora intarneetiin kallattii Mootummoota Gamtoomaniitti yaa'ii Morgoota namootaatti dhiibbaafi dorsiisa mootummaa Iraaniin gaazexessitoota kannee irra gahaa jiru ilaalchisuun qophii tokko qopheessee ture.

Tibban kanattis gabaasaan BBC Parshiyaa kan ta'e Kaasraa Naaji, doorsfnifi dhiibbaan karaa intarneetiin isaafi waaayillan isa waliin hojjatan akkasumas maatiisaaniirra qaqqabaa turan bal'inaan dubbateera.

Dorsiisawwan isaan irra gahaa jiran keessaa cimaan doorsisoon ajjeechaa akka irratti raawwataus kaaseera.