Aanaalee Gujiitti boordichi filannoon akka hin taasifamne dhorkus itti fufuun isaa komii kaase

Madda suuraa, Obbo Taakkalaa Uturaa
Godina Gujii naannoo filannoo Nageelleetti sababa ‘maqaafi mallattoon dorgomaa dhuunfaa tokko hin mul’atin hafeef’ Boordiin Filannoo Biyyaalessaa sagaleen akka hin kennamne murteessee ture.
Haa ta’u malee, kanneen dhuunfaan dorgoman ‘aanota godinichaa’ keessatti sagaleen kennamuu himan. Qindeessitoonni boordichaas magaalaa Nageellee qofatti filannoon akka hin taasifamne hambisuu himan.
Sababa isaa yoo ibsaniis, turee waan ibsameef baadiyyaatti sababa rakkoo netiworkiin odeeffannoo gahuun dadhabamee filannoon adeemsifame jedhan.
Walitti qabduun boordii filannoo biyyaalessaa Aadde Birtukaan Miidhaksaa sababa hanqina waraqaa filannootiin Negeelleetti filannoon akka hin gaggeeffamne dhorkamee ture jedhan.
Haa tahu malee ajaja hogganaa tokkoon buufataaleen filannoo 100 tahan sagalee isaanii kennaniiru jedhan. Sagaleen kenname guutummaan guutuutti kufaa taha kan jedhan Aadde Birtukaan ajaja boordichaa dhiisuun akka uummatni sagalee isaa kennu hogganaan godhanis seeraan gaafatamu jedhan.
Naannolee filannoo afur godinicha keessa argaman keessaa kanneen Nageellee jala jiraniifi filannoon akka hin taasifamne dhorkame keessaa Aanaa Gumii Eldalloo, Waadaraa, Gooroo Doolaa, Liban fa’i keessatti argamu.
Lammiileen Itoophiyaa Wiixata darbe filannoo biyyaalessaa jahaffaa irratti hirmaachuun mootummaa waggaa shaniif biyyattii bulchu filataniiru.
Filannoon kuni yeroo rakkoon nageenyaa bakkeewwan biyyattii garaa garaatti jiru keessa adeemsifame.
Maaltu ta’e?
Yunivarsiitii Bulee Horaatti barsiisaa saayinsii fayyaa ta’uu kan himan Obbo Taakkalaan nama maqaafi mallattoon isaanii waraqaa filannoorraa bade jedhamanidha.
Boordichi kan murtii kanarra gahe filannoon taasifamuun guyyoota lama dura gaafa Jimaataa Obbo Takkalaan tarree dorgomtootaa keessa maqaa isaanii dhabanii erga iyyatanii boodadha.
Ta’us, murteen dafee darbuu dhabuu komatu. ’Dilbata galgala murteen suni darbuu isaa natti hin tolle’ jechuun osoo dursee beekame gaarii ture jechuun ibsu.
Boordiin Filannoo naannoo filannoo Nageelleetti sagaleen akka hin kennamne murteessuu isaa kan beeksise Dilbata galgala ibsa miidiyaaleef kenneeni.
‘’Ani gaarii jedhee hin fudhadhu. Jalqaba boordiin filannoo maqaa keessaa hambise, [achii] filannoo halkan keessa akka dhaabbatu taasise. Ganama ka’ee kuni hin filata, kun hin filatu,’’ jechuun komii ibsatu.
Inumaa, erga rakkoon kuni dhalate ummata rakkoo nagaa keessa filachuuf bahe rakkisuun gaarii miti jedhanii himannaa isaanii akka kaasanillee dubbatu.
‘’Murtee yeroo isaa eeggate miti. Kuni hawaasa rakkisuu malee ana kan na fayyadu miti’’ jedhuu.
‘’Ummanni rakkachuurra himannaa kiyya nan kaasa’’ jechuun qondaala boordii filannoof ibsuu dubbatu.
Naannoo filannoo Nageelleetti buufataaleen filannoo 139 akka jiran kan ibsaman yoo ta’u teessuma paarlaamaa tokkoofi teessuma Caffee 3’f dorgomtoonni sagal wal falmu.
Paartii Badhaadhinaa, IZEMA, akkasumas kanneen dhuunfaan dorgoman keessa jiru.
Obbo Taakkalaafi Aadde Dureen lamaanuu Caffeef dorgomu. ‘’Sagalee ummataa ta’uf akka dhunfaan dorgoman,’’ kan himan Obbo Taakkalaan filannoon haa dhaabbatu erga jedhamee ‘’Aanaalee gara baadiyyaarratti gaggeeffameera jechuu dhagahe,‘’ jechuun BBC’f himan.
Ta’us, sagaleen kenname lakkaa’amuullee odeeffachuu dubbatan.
Obbo Taakkalaa waliin dhuunfaan kan dorgoman Aadde Duree Budeen Magaalaa Nageelleen ala aanaalee godinichaa shanitti sagaleen kennamuu himu.
''Ajaja boordii filannoo kabajnee irratti hirmaatuu dhabne. Hordofachuu waan hin dandeenyeef sagaleen keenya naannoo kanatti baay’ee nu jalaa harca’eera. Kuni komii guddaa nurratti uumee jira,’’ jedhan.
Dabalataan, magaalaa keessa jiraatan Aanaa Waadaraa dabalatee filannoon adeemsifamuufi bu’aan filannoo maxxanfamuu himu.
Dabalataan, gandoota baadiyyaatti namoonni kaardiin irraa fuudhamuufi kan fedhan filuu dhabuu isaanii akka odeeffannoo qaban dorgomtoonni lamaan dubbatan.
Gama kaaniin, bakkeewwan filannoon taasifametti taajjabdoota isaanii erganii akka hirmaatan yaalanis ‘’dhorkamaniiru,’’ jechuun himan Aadde Dureen.
‘’Filannoon kuni kan mirkanaa’u yoo ta’e rakkoodha,’’ jechuun yaaddoo ibsu.
Qondaaltonni boordii maal himan?
Qindeessitoota boordichaa godinaafi naannoo filannootti komii dhiheeffatanii ‘’Dhaabbatee jira. Jarri gaggeessu sirrii miti,’’ akka jedhaman Aadde Dureen BBC’f dubbatan.
Qondaalli boordichaa Godina Gujiirra jiranii BBC’n dubbise erga boordichi sagaleen akka hin kennamne jedhee booda kennamuu himu.
‘’Baadiyyaatti televijinii hin qabani, waan itti hordofan waan hin qabneef. Bakka networkiin hin jirretti dhaabaa jechuun waan hin danda’amneef ummanni gaggeeffate.’’
"Nuyis miidiyaarraa dhageenye,’’ karaa ittiin dursee sirratu hin turre jechuun dubbatan.
‘’Filachuu magaalaa keessatti dhowwine, kan baadiyyaa garuu networkiin waan hin jirreef ummatatu gaggeeffate.’’
Bakkeewwan sagaleen kenname lakkaa’amuu isaa gaafachuf yaaliin taasifne qindeessaan boordichaa godinarra jiran waan eeyyamamaa hin taanef hin milkoofne.
Kanneen dhuunfaan dorgomaniifi dorgomtoonni dhuunfaan lamaan murteen kana boodaa maal akka ta’u akka hin beekne dubbatani.
Boordichi maal jedhe?
Gaafa Dilbataa, guyyaa filannoo guyyaa tokko dursee, filannoon sadarkaa biyyaatti naannoo filannoo shanitti akka hin adeemsifamne ibseera.
Kanneen keessaa tokko naannoo filannoo Godina Gujiitti argamudha.
Sababni isaas dorgomaan dhuunfaa ‘filannoof galmaa’eefi waraqaan ragaa naaf kennamee tarree dorgomtoota keessa hin jiru’ jechuun iyyateeni.
Kanaanis, gaafa guyyaa filannoo sagaleen akka hin kennamne boordichi murteessuu isaa Dubbii Himtuun boordichaa Aadde Soliyaanaa Shimallis miidiyaaleef himan.
Walitti qabduun boordii filannoo biyyaalessaa Aadde Birtukaan Miidhaksaa sababa hanqina waraqaa filannootiin Negeelleetti akka filannoon hin gaggeeffamne dhorkamee akka ture himan.
Haa tahu malee ajaja hogganaa tokkoon buufataaleen filannoo 100 tahan sagalee isaanii kennaniiru jedhan.
Sagaleen kenname guutummaan guutuutti kufaa taha kan jedhan Aadde Birtukaan, ajaja boordichaa dhiisuun akka uummatni sagalee isaa kennu hogganaan godhanis seeraan gaafatamu jedhan.
Haa ta’u malee, naannolee filannoo shanan kan Nageellee dabalatee guyyaa filannoo sagaleen akka hin kennamne murtaa’etti filannoon yoom akka gaggeeffamu hanga yoonaa boordichi ifatti waan ibse hin qabu.















