Raashiyaan doonii waraana Biritiishitti dhukaase jettus UK'n soba jette

Dooniin Waraana Biritiish kun jalqaba ji'a kana Istaanbul wayita turetti

Madda suuraa, Rooyitars

Ibsa waa'ee suuraa, Dooniin Waraana Biritiish kun jalqaba ji'a kana Istaanbul wayita turetti
Maxxanfame

Raashiyaan, dooniin waraanaa galaanarraa fi jeettiin waraanaa biyyattii dhukaasa akeekkachiisaa doonii waraana Biritish kan galanaa gurrachaarra turetti dhukaasuu himte.

Ministirri Ittisaa Raashiyaa akka jedhutti, dooniin waraanaa Biritish daangaa qaama bishaanii Raashiyaa Kireemiyaa cinatti seenuu hordofee dhukaasni kun irratti baname.

UK'n gabaasa Raashiyaan waraanni ishee dhukaasa akeekkachiisaa doonii waraanaa UK'n galanaa gurraacharra turetti dhukaafte jettu haalte.

Ministirri Ittisa Raashiyaa doonii Biritiish'HMS Defender'jedhamu daangaa bishaanii Kireemiyaa cinaattii argamu seenu fi dooniin naannicha mil'atu dhukaasa akeekkachisa irratti banufi jeettiin waraanaas boombii karaa gubbaatti darbate jedhan.

Ministirri Ittisa Biritiish garuu dhukaasni akeekkachisaa doonii waraana kanatti dhukaafames hin jiru jedhan.

Itti dabaluun akka himanitti, doonichi gara qaama bishaanii Yuukireenitti imalaa turu kaasan.

Ministirri Ittisa Biritiish Ben Waalas akka jedhanitti, doonichi sochii idileerra kan ture yoo ta'u, ulaa imalaa beekamtii idila addunyaatti qaburra ture jedhan.

Ministirri Ittisaa Biritiish akka jedhanitti, Raashiyaan shaakala waraanaa dhukaasan dabaalame Galaanaa Gurraacharratti gaggeessaa turte jedhan.

''Dhukaasni HMS Defender irratti qiyyaafate hin turre, boombiin karaa irratti darbatameera himanna jedhuuf beekamtii hin kenninu''jedhan.

Raashiyaan kutaa Kireemiyaa bara 2014 Yuukireen irraa kan fudhatte, taatullee hanga yoonatti sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii hin arganne.

Raashiyaan akka ibsitetti, balaan kun Keep Fiyolent cinaa, Kibba Kireemiyaatti kan mudate wayita ta’u, dooniin Biritiish ta’ii sana hordofuun kallattii imalaa jijjirachutu himame.

Dooniin Raashiyaa naannicha mil’ataa turte yeroo lama itti dhukaasuufi jeettiin Su24-M jedhamtu immoo karaa doonii kanarratti boombii afur darbachuu gabaasni Raashiyaa kan ibse.

Imbaasii Biritiishitti bakka bu’aan waraanaa Biritiish Ministeera Ittisaa Raashiyaatti akka dhiyaatanii gaafatamaniif waamichi dhiyaachufii Ejensiin oduu ‘Interfax’gabaasera.

Dooniin Waraanaa Biritiish ‘HMS Defender’ jedhamu garee dooniwwan waraanaa haleellaa raawwatani keessatti ramadama.

Dooniin waraanaa Biritiish kun naannoo Galaana Gurraachaatti ergamasaa bahaachaa akka ture marsariitiin Humna Galaanaarra Biritiish Rooyal Neeviy beeksiseera.