Yeroo weerara Covid'tti namoonni miiliyoonaan lakkaa'aman miiliyeenara tahan

Maxxanfame

Addunyaarra weerara Covid-19n diinagdeen wayita miidhametti, 2020 keessa namoonni miiliyoona shan caalan miiliyeenara tahaniiru.

Harka qalleeyyiin hedduun jiruun itti hammaachuun yoo miidhaman, addunyaarra lakkoofsi miiliyeenarootaa miiliyoona 5.2n dabaluu qorannoon Credit Suisse mul'ise.

Kanaanis addunyaarra miiliyeenaroota 56.1 tahan jiru jechuudha.

2020tti addunyaarra gaheessota keessaa %1 kan tahan yeroo jalqabaaf miiliyeenaroota tahaniiru.

Gabaan aksiyoonaa bayyanachuufi gatiin mana jireenyaa akkaan dabaluun qabeenyi namootaa akka dabalu taasise.

Ogeessi diinagdeefi qopheessaan gabaasa Global Wealth Report [Afaan Ingiliziiti si geessa] Antanii Shoroks waan jedhan, weerarri koroonaavaayiras ''gabaa addunyaarratti dhiibbaa cimaafi yeroo gabaabaaf turu geessise,'' jechuun kunis ji'a Waxabajjii 2020 keessa gara duraanitti deebi'eera jedhan.

''Qabeenyi addunyaa rakkina keessatti ni dandamate qofa osoo hin taane, inumaawuu haalaan guddina agarsiise,'' jedha ogeessi kun.

Haa tahu 2020 keessa garaagarummaan qabeenyaa gaheessota gidduu jiru haalaan bal'ateera.

''Kanneen galii giddu galeessaa qabanitti gadi bu'uun yoo ilaalle, qabeenyi bakka jirurraa hin sochoone. Inumaawuu gara caalu gara duubaa deebi'eera,'' jedha Aabba Antanii.

Akka gabaasa kanaatti qabeenyi addunyaa %7.4n guddateera.

Erga jaarraan 21ffaa seene eegalee namoonni qabeenyi isaanii doolaara $10,000 hanga $100,000 gidduutti lakkaa'amu dachaa sadiin dabaleera. Isaan dura miiliyoona 507 kan turan wayita tahu, 2020tti biiliyoona 1.7 gahaniiru.

Warri gabaasicha qixeessan akka jedhanitti daballiin kun ''badhaadhinni biyyootaa keessattuu kanneen akka Chaayinaa faa dabalaa dhufuu, akkasumas biyyoota guddachaa jiran keessatti lakkoofsi namoota galii giddugaleessa qabanii dabaluu'' agarsiisa jedhan.

Qondaala invastimantii Credit Suisse kan tahan Nannette Hechler-Fayd'herbe: ''Tarkaanfii mootummootaafi baankiiwwan giddugaleessaa biyyootaan fudhataman haaluun hin danda'amu,'' jedhan.

''Qaamoleen kunniin namootaafi daldala weeraraan miidhaman sagantaawwan garagaraan deeggaraniiru. Akkasumas hanga dhalaa xiqqeessaniiru - kanaanis balaa hamaa dhufu malu hambisuu danda'aniiru.''

Dabaluunis: ''Hangi dhalaa baankiiwwan jiddugaleessaan hir'ate tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa harka caalu bu'aa buuseera,'' jedhan.