Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koroonaavaayiras: Diinagdeen Chaayinaa miidhaa Covid-19 irraa bayyaannachuu itti fufe
Chaayinaan gabaasa haaraa baasteen diinagdeen ishee dhiibbaa weerara Covid-19 irraa bayyaannachuu itti fufuu beeksiste.
Ji'oota afur Waxabajjii kaasee hanga Fulbaanaa jiran keessatti ji'oota walfakkaatoo bara 2019 wajjiin wal bira qabaan yeroo ilaalamu, kan baranaa fooyya'aa ta'uusaati mootummaan Chaayinaa kan gabaase.
Biyyattiin ji'oota afran kana keessatti guddinna dhibbeentaa %5.2 galmeessuu akka dandeessu eegamus, kan milkeessuun danda'ame garuu %4.9.
Wayita weerarri Covid-19 diinagdee addunyaa laamshessee jiru kanatti, Chaayinaan guddinna omishaalee waliigala biyya keessaa dadammaqsuun diinagdee addunyaa bayyanachiisuuf adda durummmaan socho'aa jirti.
Guddinni ji'oota afurii kun jalqaba bara kanaa wayita weerarichi eegalurraa wajjinni yoo walibira qabamu akka milkaahinattis ilaalama
Ji'oota jalqabaa sadii bara kanaatti diinagdeen biyyattii dhibbeentaa 6.8'n gadi bu'ee ture. Kanaaf sababa kan ta'e ammoo to'annoo weerara dhibee Koroonaa Vayirasiif jecha uggura warshaalee biyyattii hundarratti labsameedha.
Chaayinaan gabaasa guddina diinagdee nuusa waggaan safaruu erga eegalte bara 1992 eegalee, guddinna tilmaamamen gadi yeroo galmeessitu kan ji'oota jalqabaa bara kanaa kan jalqabaa ture.
Gabaasni Wiixata gadhiifame kun Chaayinaan saffisaan bayyaannachaa akka jirtu kan agarsiisuudha. Haata'u malee ogeeyyiin yeroo mara dhugummaa ragaalee mootummaan baasuu ni shakku.
''Lakkoofsi ibsame badaadha jedhee hin amannu, hojii uumuun Chaayinaa keessatti tasgabba'aa ture. Kanaanis fayyadamni meeshaalee dabaleera,'' jedhu Ikoonomistiin Chaayinaa ING kan Hong Koong jirutti hojjetan Iriis Paang.
Daldalli Chaayinaa kan ji'a Fulbaanaas biyyattiin bayyanachaa jiraachuu isheef agarsiiftuu ta'eera. wagga darbe yoona waliin yoo walbira qabamu alergiin dhibbeentaa 9.9 yoo dabalu, bittaan meeshaalee alaa galaniis dhibbeentaa 13.2 guddateera.
Chaayinaan waggoota 20 darbaniif giddugalaan waggaatti guddina diinagdee dhibbeentaa 9 galmeessaa kan turte ta'us, dhiyrenya kana guddinni kun hir'isaa jira.
Sababa weerara Covid-19'n diinagdeen ishee yeroo miidhamu kanattis morkattuu ishee US waliinis daldala wantoota ilaallataniin lolatti jiru.
Sababa weerara kanaan imalli idila addunyaa daangeffamus Chaayinaan bara baraan imala ayyaana guddicha guyyoota saddeetiif kabajju irraa galii guddaa argatti.
Ayyaana ji'a Onkololessaa keessa kabajamu kanaaf lammiileen Chaayinaa miiliyoonaan lakkaawaman ni socho'u.
Bara darbe qofa tibba ayyaana kanaatti imala miiliyoona 637 taasifamerraa galiin doolaara biiliyoona 50 ol ta'u argameera.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras