Boombiin afuuffee gadhiifamuu hordofee Israa'el Gaazaarratti haleellaa xiyyaaraa raawwatte

Explosions light-up the night sky above buildings in Gaza City as Israeli forces shell the Palestinian enclave,

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Gaazaa Siitii keessa Roobii ganama keessa dhoohinsi dhagahameera
Maxxanfame

Erga boombiiwwan afuuffee Gaazaarraa natti gadhiifaman jette hordofee, Israa'el iddoowwan Hamaas Gaazaa keessatti argaman qilleensarraa haleeluu beeksifte.

Magaalaa Gaazaa Siitii keessa Roobii ganama keessa dhoohinsi dhagahameera.

Afuuffeewwan hedduun Gaazaarraa gara Israa'elitti guyyaa Kibxataa ergaman balaa abiddaa uumaniiru, jedha tajaajilli ittisa abiddaa Israa'el.

Erga qaamolee lamaan kana gidduutti lolli guyyoota 11f ture Caamsaa 21 xumurame booda, kuni taatee isa guddaadha.

Taatee kana dura guyyaa Kibxataa gareen 'Yihuudummaa cimsanii' Jerusaalem Bahaatti hiriira bahanii turan. Kunis garee Gaazaa bulchu Hamaas dallansiisee ture, sodaachisaas turan.

Waa'ee haleellaa kanaa maal beekna?

Ibsa Raayyaan Ittisa Biyyaa Israa'el (IDF) baaseen, xiyyaarri waraanaa isaanii mooraa waraanaa Hamaas bulchuufi magaalota Khan Yunis fi Gaazaa keessatti argaman haleeluu himan.

''Sochiin shororkaa'' mooraa sana keessatti raawwataa ture jechuun IDF ''Lolli banamuu dabalatee wantoota gama maraan dhufuu malaniif qophaa'eera,'' jedhan. ''Sochiin shororkaa gama Gaazaan taasifamu itti fufeera.''

Haga ammaatti haleellaan qilleensarraa kun balaan namarraan geessise jiraateefi dhiisee hin baramne.

Masked Palestinians launch incendiary balloons from the Gaza Strip towards Israel.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoonni afuuffee boombii (incendiary balloons) fayyadamuun baramaadha (suuraa Waxabajjii 15)

Dubbihimaan Hamaas ibsa Twitter gubbaatti maxxansaniin, Paalestaayinoonni ''diddaa gootummaafi Jerusaalemitti mirgasaaniifi iddoowwan qulqulluu eegsisuuf'' falmachuu itti fufu jedhan.

Tajaajilli ittisa abiddaa Israa'el waan jedhe, boombiiwwan afuuffee (incendiary balloons) hawaasa kibba Israa'elitti argaman keessa yoo xiqqaate balaa ibiddaa 20 qaqqabsiisaniiru.

Erga mootummaan waltahiinsaa Israa'el haaraan dhumatorbee dabre gara aangootti dhufee as lola isa jalqabaati. Mootummaan kun Naaftaalii Beneetiin kan hoogganamu oggaa tahu, waggaa 12f ministira muummee ka turan Benjaamin Netaaniyaahuu aangoonsaanii oobba'eera.

Hiriira Jerusaalem irratti maaltu uumame?

Poolisiin Israa'el Jerusaalem bahaatti hiriiraaf bakka banaa taasisuuf jecha, boombii rifaasisaafi rasaasa gommaa dhukaaseen, mormitoonni Paalestaayin 30 ol tahan wayita miidhaman, 17 ammoo to'annoo jala oolaniiru.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaarra qoodame akka mul'isutti hiriirtoonni Israa'el ''duuti Arabootaaf'' jedhanii Paalestaayinotatti dhaadannoo wayita dhageessisan agarsiisa.

Hiriirri 'Jerusalem Day flag' jedhamu sagantaa waggaa waggaan taasifamuufi Israa'el Jerusaalem Bahaa 1967tti guyyaa ittiin to'atte kabaju. Jerusaalem Bahaa bakka magaalaan durii (Old City) fi bakkeewwan qulqulluudha jedhaman itti argamtudha.