'Namoonni namicha mukarratti hidhanii konkolaataa jalaa hatan to'ataman'

Konkolaachisaa muka gubbaatti hidhamee konkolaataa saamame

Madda suuraa, Kiyyaa Hararghe/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaachisaa muka gubbaatti hidhamee konkolaataa saamame
Maxxanfame

Namoonni konkolaachisaa muka gubbaatti hidhanii konkolaataa saaman to'adhe jedha Poolisiin Godina Shawaa Bahaa.

Konkolaachisaan saamtotaan mukarratti hidhamanis deeggarsa poolisii fi hawaasa naannootiin mukarraa akka bu'an taasifamuu dubbatu.

Taateen kun Ebla 14, bara 2013 godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa iddoo addaa Warjaa Washigulaa jedhamutti halkan keessaa sa'aa 8:00 irratti raawwate.

Konkolaachisaan maqaan isaanii Obbo Sisaay Fayyisaa jedhaman, konkolaataa fe'umsa meeshaa qabeenyummaan isaa kan dhaabbata omisha bishaanii ta'e osoo konkolaachisanuu ture harka saamtotaa keessa kan bu'an.

Reebamanii konkolaatan isaanii saamamuun dabalataan muka laaftoo gubbaatti akka hidhaman Obbo Sisaay BBC'tti himaniiru.

Qajeelchi Poolisii Godina Shawaa Bahaa saamicha konkolaataa kanaa fi kunneen biroon walqabatee shakkamtoota 12 to'annoo jala oolchuu BBCtti himeera.

"...qawweedhaan na ajjeesaa"

Ebla 14 bara 2013 halkan magaalaa Buttaajiraatii gara Shaashamaneetti osoo konkolachisanuu aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaatti rakkoon kun akka isaan mudate Obbo Sisaay Fayyisaa, "namootni shan dhagaa fi konkolaataadhaan karaa cufanii qawwee qabatanii na eegan," jedhan.

Sana boodas namootni kun konkolaataa erga dhaabsisanii booda Obbo Sisaay konkolaataa keessaa buusun inni tokko konkolaaticha fudhatee deeme.

"Afranimmoo na qabanii deeman. Sana boodas na rukutaa waa'ee siyaasaa na gaafatan. Ani siyaasa keessa akkan hin jirren itti hime. Sana booda hanga danda'an na rukutanii mukarratti na fannisan," jedhan.

"Wayita sibiila (qawwee) fidan hoomaa natti hin fakkaanne. Wayita haada fidan garuu 'nan dararinaa, kan na ajjeestan yoo ta'e qawweedhaan na ajjeesaa' jedheen itti hime," jedhu.

Haa ta'u malee saamtotni muka laaftoo meetira jaha hanga torbaa ol dheeraturra isaan yaabbachiisun foo'aadhaan akka isaan hidhan Obbo Sisaay Fayyisaa himan.

Muka meetira jaha ol dheeratu Obbo Fayyisaan irratti hidhaman

Madda suuraa, Kiyyaa Hararghe/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Muka meetira jaha ol dheeratu Obbo Fayyisaan irratti hidhaman

"Mormarra iddoo lama na hidhan. Dugdarras iddoo lama na hidhan. Jilbarras miila mirgaa oldachaasanii na hidhan.

"Sanin booda na gatanii konkolaataa manaa xiqqoo qabatan yaabbatanii deeman," jechuunis dubbatan.

Wayita mukarratti fannifamanii turanitti namni akka birmatuuf sagalee olqabanii iyyuu akka hin dandeenye kan himan Obbo Sisaay, "haadni ittiin na hidhan mormakoo keessa seenee afuurayyuu baafachuu rakkadheen ture," jedhan.

Sana boodas ganama naannoo sa'aa lamatti kara deemtootni isaan arganii poolisiif eeruu kennuun deeggarsa poolisootan mukicharraa bu'uu isaanii himan.

Hanga ammaatti mana yaalaatti deddeebi'aa jiraachuu kan himan Obbo Sisaay, yeroo ammaa haalli fayyaa isaanii sadarkaa fooyyeerra akka jiru dubbatu.

Haa ta'u malee abbaa ijoollee sadii kan ta'an Obbo Sisaay, sababa rakkoo isaan mudateen maatin isaanii bittinnaa'uu dubbataniiru.

To'atamuu shakkamtootaa…

"Waggoota sadan darban keessatti karaarratti saamichi adeemsifamaa ture" kan jedhan Qajeelcha Poolisii Godina Shawaa Bahaatti daayrektarri itti aanaan qorannoo yakkaa fi murtii haqaa kennisiisuu Komaandar Gazzaahany Ayyalaa, shakkamtootni amma to'annoo jala oolan yeroo garaagaraatti konkolaataawwan fe'iisaa sadii saamuu isaanii himan.

Namoota saamicha konkolaataawwan kunneenin shakkaman 12 to'annoo jala oolchanii qorannoo xumuraa akka jiranis Komaandar Gazzaahany BBCtti himaniiru.

Miiltoowwan shakkamtootaa hordofamaa jiranis akka jiran himaniiru.

Gama biraatin konkolaataan Obbo Sisaay Fayyisaa konkolaachisaa turan magaalaa Mojoo keessatti qe'ee mana jireenyaa dhuunfaa keessa dhokfamee argamuusaa Komaandar Gazzaahany dubbataniiru.

Konkolaataawwan lamaan immoo magaalaa Dirree Dhawaa keessatti qabamuu dubbatan.

Kana malees konkolaattootni shakkamtootni saamichaaf itti fayyadamaa turan jedhaman lama to'atamuu isaanis Komaandar Gazzaahany BBCtti himaniiru.