Naayijeeriyaan ‘yeroo hin murtoofneef’ Tiwiitara dhorkite

Dhorkiin Tiwiitar irra kaa'ame kun haala kamiin hojiirra akka oolu wanti beekame hin jiru

Madda suuraa, REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Dhorkiin Tiwiitar irra kaa'ame kun haala kamiin hojiirra akka oolu wanti beekame hin jiru
Maxxanfame

Mootummaan Naayijeeriyaa Tiwiitar biyyattii keessatti ‘‘yeroo hin murtoofneef’’ akka hin hojjenne dhorkuu, Ministirri Odeeffannoo biyyattii beeksiseera.

Dhorkaan kun kan kaahame, ‘‘miidiyaan hawaasaa kun egeree Naayijeeriyaa irratti dhimmoota balaa qabaniif irra deddeebiin oolaa jiraachuu isaarraan kan ka’edha,’’ jedha ibsi ba’e.

Ibsi mootummaan Naayijeeriyaa baase ‘‘akka malee yaaddessaadha’’ jedheera Tiwiitar gamasaatiin.

Dhorkiin kun kan dhufe ammoo ergaa pirezidantiin biyyattii Muhammaduu Buhaarii maxxansan seera bulmaata dhaabbatichaa waan cabseef erga haqamee guyyoota muraasa boodadha.

Ibsi mootummaa Naayijeriyaa irraa ba’e garuu, wal-dhabdee sababa haqamuu ergaa sanaan uumame hin eerre.

Ministirri Odeffannoo biyyattii Laayi Mohaammad miidiyaan hawaasaa US kun ergaa kana haquuf murteessuun isaa ‘‘loogiidha’’ jedhanii turani.

Ergaan nama ganna 78 Naayijeeriyaa bulchaa jiranii Waxabajjii 1 ture kan haqame. Ergaan sunis waraana waliinii 1967-70 biyyattii keessatti mudatee ture kaasuun, ‘‘warreen yeroo kanatti gochaa badaarra jiran afaan isaaniif galuun itti himna,’’ jedha ture.

Dubbi himaan Tiwiitar yeroo sanatti akka jedhetti, maxxansi sun ‘‘seera ittiin bulmaataa Tiwiitar kan cabsedha’’.

Dhaabbanni tiwiitara baatii darbe ibsa baaseen waajjira muummee Afriikaa biyya ollaa Gaanaa keessatti akka banu beeksisee kan ture yoo ta’u, Jimaata kaleessaas dhorkii Naayijeeriyaa ilaalchisee ‘‘qorachaa akka jiruufi wanti beeku yoo jraate ibsi dabalataa nikennama’’ jedhee jira.

Tiwiitarri hanga Jimaata galgalaatti hojjechaa ture.

Akkaataa dhorkiin kun itti raawwatamuufi Tiwiitar akkamiin egeree Naayijeeriyaa balaaf saaxiluu akka malu mootummaan waan ibse hin qabu.

Ibsi mootummaa Tiwiitaruma gubbaa ba’e akka jedhutti, abbaan taayitaa biroodkaastii biyyaalessaa (NBC), ‘‘tajaajiloota intarneetiin kennaman fi miidiyaalee hawaasaa Naayijeeriyaa keessa tajaajila kennan hundaaf adeemsa hayyama kennuu akka eegalu ajajni itti kennameera’’ jedha.

Osaayi Ojiighoo, daayirektarri Aminastii Intarnaashinaal kan Naayijeeriyaa, ibsa mootummaa kana mormanii jiru.

"Trakaanfiin kun ifatti itti gaafatamummaa Naayijeeriyaan idil-addunyaa keessatti qabdu waliin kan hin deemneefi kan hin madaalledha. Anga’oonni Naayijeeriyaa hatattamaan murtee kana akka haqaniifi, karoora biraa miidiyaalee hiraarsuuf qaban akka dhiisan, bakka ummanni bilisaan itti haasa’u ukkaamsuu akkasumas mirgoota Namoomaa lammiilee Naayijeeriyaa dhiibuu akka dhiisuuf waamicha dhiyeessina," jedhaniiru.