Boordiin ka'umsa miindaa murteessu Itoophiyaa keessatti hundaa'uuf

Madda suuraa, AFP
Itoophiyaa keessatti boordiin dhimma ka'umsaa fi hammeentaa miindaa irratti aangoo murteessuu qabu hundaa'uuf akka jiru, ragaan Ministeera dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa fi Konfedereeshinii Waldaalee Hojjettoota Itoophiyaa irraa arganne ni mul'isa.
Wiixineen seeraa boordii kana hundeessuuf ba'e Ministeera dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaan irratti mari'atamaa kan ture yoo ta'u, yeroo ammaa gara qaama danbii kana mirkaneessu, Mana Maree Ministeerotaatti ergamuuf akka jiru himameera.
Ministeera dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaatti Daarektara damee dhimma nageenyummaa Indastirii Obbo Fiqaaduu Gabruu, boordiin kun miindaa hojjettootaan walqabatee hojii kanaan dura walta'iinsa hojjetaa fi hojjechiisaan raawwatamaa ture jijjiiruun, qixa sirrii fi qabatamaa ta'een hojjeta jedhan.
Boordiin kun, hojjettoonni kaffaltii miindaa isa gadi aanaa argatan, kan seeraan taa'ee gadi akka hin kaffalamneef murteessuu keessatti aangoo olaanaa qabaata.
Bakka qacarrii kamittuu argamee, waa'ee miindaarratti akkaataa seeraan taa'een murteessuufis aangoo qaba.
Iskeeliin miindaa inni sadarkaa gadi aanaan (sadarkaa dhumaa) wayita hojjetamu wantoota ilaalamuu qabanii fi akkamiin akka murtaa'uu qabu keessattis boordiin kun ni hirmaata.
Boordichi jaarmiyaalee afur jechuunis hojjettoota, hojjechiistota, mootummaa fi Dhaabbilee Siivilii irraa walitti dhufaniin hundaa'a.
Boordichi namoota beekumsa diinagdee fi hawaasummaa qaban kan hirmaachisu yoo ta'u, miindaa ka'umsaa hojjettootaaf kaffalamuu qabu wayita murteessus bu'aa qorannoo beektota kunneenii irratti hundaa'eeti jedhan Obbo Fiqaaduun.
Miindaa ka'umsaa murteessuuf haala qabatamaa biyyattii ilaalcha keessa galchuun akkuma jirutti ta'ee, ulaagaawwan bu'uuraa addunyaan hordoftus qabiyyee ittiin bulmaata boordichaa keessa ni galu jedhan Obbo Fiqaaduun.
Haalli jireenya maatii hojjetaa, akkasumas dandeettiin jaarmiyaalee nama hojjechiisanii erga sirriitti qoratamee booda akkaataan kaffaltii miindaa madaalawaa ta'e akka jiraatu boordichi ni murteessas jedhan.
Pirezidaantiin Konfedereeshinii Waldaalee Hojjettootaa Itoophiyaa Obbo Kaasahuun Foolloo gamasaaniin, hojjetaan tokko yoo xiqqaate mindaa argatuun jiraachuu danda'uu qaba jedhan.
Kunis kaayyoo gooroo boordiin kun qabatee hundaa'aa jiruudha jedhan.
Miindaa gadi aanaan wayita hojjetaaf kaffalamu, haalli jireenyaa, manni kiraan, ibsaan, bishaan, nyaati, kaffaltiin mana barumsaa fi wantoonni jireenyaaf bu'uura ta'an hundi ilaalcha keessa galuu qabu jedhan.
Haala kanaan hojjetaan tokko mindaa argatuun ofii isaa fi maatiisaa biraa sadi yookiin afur jiraachisuu akka danda'uun shallagamuu qaba jedhu qondaalli kun.
Obbo Kaasahuun miindaa hojjettoota paarkiiwwan indastirii Itoophiyaa keessa jiraniif kaffalamaa jiru akka fakkeenyaatti kaasuun, sirreeffama bu'uuraa akka barbaadu eeran.
Hojjettootaaf miindaan birrii 750 hanga 1000 kaffalamaafii jiraachuu kan adda baasan Obbo Kaasahuun, ''haalli kun akkaan gaddisiisaadha. Waan hatattamaan fooyya'uu qabuudha,'' jedhan.
Obbo Fiqaaduun ammoo kaffaltiin mindaa wayita murtaa'u fedhiin hojjetaa fi dandeettiin kubbaaniyyaawwan qacaranii walmadaaluu qaba jedhan.
Armaan dura waa'ee mindaa irra jireessaan kan murteessu qaama nama qacaru (kubbaaniyyaa) sanadha.
Boordiin kun garuu jedhan Obbo Fiqaaduun, hojjetaa fi hojjechiisaa waltajjii tokkotti walitti fiduun fedhiin lachuu akka dhagahamu haala mijeessa jedhan.
Hojiin boordii kanaa kan ilaallatu, kanneen labsii dhimma hojjetaa fi hojjechiisaan bulan akkasumas kanneen walitti dhufuun waliigalteedhaan hojii wal hojjechiisanidha.
Waliigalatti kubbaaniyyaawwan dhuunfaa, dhaabbilee biizinasii fi jaarmiyaalee mootummaa dhaabbiidhaan hojjetaa qacaran kan ilaallatuudha.
Hojjettoota mootummaa (siivil sarvaantii) fi namoota hojii al-idileen walitti dhufan hin ilaallatu.
Haalli kun hojjettoota mootummaaf sababa hin hojjenneef Obbo Fiqaaduun akkas jedhuun dubbatan: ''Mootummaan akka kubbaaniyyaawwan kaanii jaarmiyaa bu'aa buufachuuf hojjetu miti. Hojjetaa wayita qacarus wantoota bu'uuraa dhala namaaf barbaachisan ilaalcha keessa galchuun miindaa kaffala.''















