Dooniin guddaan Iraan ibiddi qabatee galoo galaanarratti dhidhime

Maxxanfame

Dooniin Waraanaa Iraan guddaan osoo Galoo-galaana Omaan irratti leenjiin irratti kennamaa jiruu ibiddi qabatee dhidhimuusaa miidiyaaleen biyyattii gabaasaa jiru.

Kuusaan boba’aa ‘IRIS Kharg’ jedhamuun beekamtu kun, buufata doonii Iraan keessa jiru Jaask jedhamee waamamu birattidha barii Roobii har’aa abiddaan kan gubatte.

Ibsi humna galaanaa Iraaniin ba’e akka jedhutti, osoo dooniin kun hin dhidhimin dura ogeessonni abidda dhaamsan sa’aatii 20 oliif abiddicha dhaamsuuf yaalii akka taasisan hima.

Namoonni achirra hojjetan hundi nagaan kan ba’an yoo ta’u, hanga yoonaatti lubbuun darbes hin jiru.

Sababni abidda kanaa ammallee ifa hin taane. Ibsi humna galaanaa Iraan akka jedhutti ibiddichi kutaa dooniittii tokko keessaa akka ka’e qofa himuun waan dabalataa hin himne.

Eejansii Oduu Tasniim jedhamurratti ibsi kenname akka jedhutti, dooniin kun guyyoota muraasa dura qaama bishaanii addunyaarratti ‘‘kaayyoo leenjiif’’ kan baatedha.

Televijiiniin biyyaalessaa Iraan viidiyoo doonii abiddaan qabatte agarsiisu mul’iseera.

Bara 1977 UK’tti kan ijaaramte ‘Kharg’, akka ogeessonni humna waraanaa galaanarraa xiinxalan jedhanitti, doonii waraanaa guddittii Iraan qabdu dha.

Ibsi eejansii oduu IRNA jedhamurraa ba’e akka jedhutti, doonin kun humna galaanarraa Iraaniif waggoota afurtama darbaniif tajaajila leenjii kennaa turte.

Ibiddi Kharg irratti ka’e qaama bishaanii naannoo Iraanitti argamutti balaa jaqabaa yeroo dhiyoo asitti qaqqabe dha.

Naannoon kun wal-dhabdeen dooniiwwanii kan itti baay’atuufi siyaasa naannawaan bakka wal-gaareffachuun itti baay’atu dha.

Galoon-galaana Omaan, karaa dhiphaa dooniiwwan itti qaxxaamuran Hoormuuz jedhamuufi murteessaa ta’e waliin wal-qunnamsiisa.

Waggoota darban keessattis Iraan fi humnoota Lixaa kan akka US fi UK gidduu sababa wal-dhabdee ta’ee tureera.

Baatiiwwan darban keessa, Iraan fi Israa’eel situ dooniikoorratti aggaammate jechaa wal himachaa turani.

Eebla darbe keessa Iraan dooniin ishee keessaa tokko kan ta’e Saaviiz irratti boombii bishaanirraa fayyadamuun Galaana Diimaa irratti haleellaan akka irra ga’e himachaa turte.

Sunis kan ta’e erga dhuma baatii Guraandhalaa keessa Israa’eel fi Iraan dooniiwwan meeshaa fe’an irratti haleellaan raawwatameera jechuun irra deddeebiin erga wal himataa turaniin booda dha.