Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Strait of Hormuz: US bidiruuwwan Iraan Galoo-galaanaarra jiran akeekkachiisuuf itti dhukaaste
Dooniin Humna Eegumsaa Qarqara Galaanaa US bidiruuwwan Iraan gara dooniiwwan US Strait of Hormuz, jiranitti dhiyaatan akeekkachiisuuf itti dhukaasuu Pentaagon beeksiseera.
Wiirtuun Humna Ittisaa Ameerikaa Pentaagoon bidiiruuwwan Iraan gara dooniiwwan US kan Strait of Hormuz jiranitti siquudhaan "dubbii barbaadaa jirti" jechuun himachaa jira.
Pentaagoon ibsa baaseen akka jedhetti, bidiruuwwan saffisoo 13 kan Ergama Humna Galaanaa Gaardii Warraaqsa Iraan irraa ta'an Wixata darbe dooniiwwan UStti dhiyaachuun naannawaa meetira 140 keessa gahaniiru.
Bidiruuwwan Iraan dubbii barbaachaaf gara dooniiwwan US kanatti dhiyaatan kunneen dhukaasa akeekkachiisaa 30 dhukaafameen booda fagaatan jedha Pentaagon.
Taateen kun naannawaa sanatti torban lama keessatti yeroo lammaffatiif uumame.
Dubbi himaan Pentaagoon Joon Kirbii bidiruuwwan Iraan gara dooniiwwan waraanaa UStti dhidhiyaachuun "akka malee dubbii barbaadaa jiru" jechuun himateera.
"Nagaaf hin turre, hojii wallaalaadha. Gocha gara miidhaa namarraan miidhaa qaqqabsiisuu danda'uu tureefi naannawaa sana keessatti gara waan hin malleetti kan geessuu danda'u ture. Sun ammoo fedhee eenyuuyyu hin guutu," jedhe.
Gama Iraaniin yaadni irratti kenname hin jiru.
Ulaan dhiphaa Strait of Hormuz jedhamu naannawaa Galoo-galaanaa keessa jiru toorawwan doonii addunyaa kanaaf hundaa ol barbaachisaa ta'edha.
Ulaan kun wiirtuu muddamni Iraaniifi biyyoota gama Lixaa gidduutti itti dabalaa deemu ta'eera. Dhiyeenya kana ammoo Dhimma US waliinis muddamni addaa akka dhalatu taasisaa jira.
Ji'a darbe keessa, Humni Galaanaa US dooniiwwan isaa keessaa tokko bidiruuwwan waraanaa Iraan irra deddebiyanii karaa kaaba Galoo-galaanaa itti dhiyaataniif deebii kennuuf akeekkachiisa dhukaasee ture jedheera.
Wanti Wixata mudate kun ammoo yeroo adeemsa hariiroo dippilomaasii Iraan akka nuukilaara meeshaa waraanaa hin gabbisneef dhorkuudhaaf waliigaltee idil-addunyaa deebisanii ilaalaa jiranittidha.
US bara 2015 gadaa Pirezidant Doonaald Tiraamp keessa waliigaltee Iraaniin meeshaa waraanaa nukilaraa gabbisuu dhaabsisuu idil-addunyaa kana keessaa kan baate yoo ta'u, Iraan ammoo bara sanarraa kaastee omisha nukilaraatti cimaa jirti.
Iraan yoo pirezedant Joo Baayidan qoqqobbii dinagdee Rippablika Iraan haalaan miidhaa jiru kana kan kaasan ta'e waliigaltichatti nan deenbiya jetteetti.