Isiniifi maqaa keessan: Akkaataa itti maqaan keessan eenyummaa keessanirratti dhiibbaa geessisu

Baajii maqaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Odeeffannoon jalqabaa namoonni waa’ee nama hin beekne tokkoo baran maqaa maatiin isaaniif baasedha. Garuu maqaan keenya akkaataa namoonni itti nu ilaalan irratti dhiibbaa guddaa qabaachuu mala.

Haala guddisa maatiin keessan keessa isin dabarse fuula ifaa ta’e yookaan to’annoo cimaa, gara laafessa ta’uufi nama dhiibuu dabalatee amaloota biroo ofitti qabachuu dandeenya.

Garuu waa’ee kennaa ulfaataa isinirra kaa’an tokkoo, waan isinirra geessisuu malu takkaa yaaddanii hin beektani ta’a - maqaa keessan. Jaalattanis ta’e akka itti hawaasni bal’aan ittiin isin ilaalu murteessa.

Daa’imaaf maqaa kennuu irratti maatiin yeroo hedduu wal-dhaba. Moggaasni maqaa, dandeettii kalaqaa, amalaafi eenyummaa ofii akkaataa itti agarsiifatan ta’uu mala.

Wanti maatiin hedduun hin barre tokko garuu, anis isaan keessaa tokkodha, filannoon maqaa daa’ima isaaniif godhan, namoonni biroon ijoollee isaanii akkamiin akka ilaalan bocuu danda’a. Irra jireessaan ammoo mucaan isaanii nama akkamii akka ta’urratti.

"Maqaan nama adda baasuufi jireenya guyyuu keessati ittiin wal-qunnamuuf waan ooluuf, bu’uura ittiin of ilaalan ta’uun gargaara.

Keessumaa walitti dhufeenya namoota biroo waliin qabnu keessatti,’’ jedhu Deevid Zihuu, ogeessi Yunivarsiitii Arizoonaa keessatti xiin-sammuu maqaa duuba jiru qoratan.

Sababoonni amala keenya bocan hedduun jiraachuu malu. Qacceen sanyii keenyaa isaan keessaa tokkodha. Muuxannoowwan, namoonni wajjiniin oolluufi bullu, irra jireessaanimmoo wantoonni jireenya keessatti dalagnu, bakka hojiittis ta’e maatii keessatti, sababoota biroodha.

Kunneen gidduutti, shoora maqaan keenya taphatu ni daganna. Sababa guddaa guyyaa dhalootaarraa kaasee hanga du’aatti (yoo jijjiiruu baanne) nuwaliin turuu danda’u.

Akka Goordan Olpoorti, hundeessitoota ‘personality psychology’ kan bara 1961’tti hundaa’e jedhanitti, ‘‘calaqqeen amala keenyaa inni guddaan jireenya keenya keessatti arginu irra jireessaan maqaa keenyarraa madda.’’

Waanuma salphaa yoo ilaalle, maqaan keenya saba kamirraa akka taaneefi seen-duubee keenya biroo dubbachuu mala. Addunyaa loogiin itti guute kana keessattis miidhaa hagam hin jenne geessisuu mala.

Fakkeenyaa yoo kaafne, qorannoo haleellaa boombii Ameerikaarra Fulbaana 11, 2001 erga dhaqqabee booda taasifame irratti, iyyanni wal-fakkaataa maqaa Arabaa fi maqaa sanyii adiitiin hojiif galfamee, kan maqaa Arabaatiin gale simannaa guddaa akka hin arganne agarsiise.

Addunyaa maqaan keenya madda odeeffannoo seen-duubee keenya isa sirrii hin taane mul’isuu danda’u keessatti, kuni karaa hedduudhaan haqa malee ta’uu danda’a.

Miidhaawwan kunneen salphaatti ilaalamuu hin qabani, haata’u maleemmoo dhiibbaan maqaan keenya geessisuu malu achirratti hin dhaabbatu.

Bunaa fi maqaalee kabajaa Jimmaa

Madda suuraa, Getty Images

Aadaa baaqqee ta’e keessattillee, maqaan kan barameefi adda kan ta’e ta’uu mala. Hiikni isaanii karaa gaarii hin taaneefi gaarii ta’een fudhatamuu malu. Kan bareedaa ta’e, yeroo kan eeggateefi kan hin jaalatamne jedhamuu malu. Ilaalchonni kunneenis haguma yeroon darbaa deemeen jijjiiramuu malu.

Maqaan keenya akkaataa namoonni ittiin nu keessummeessan akkasumas akkaataa ittiin of ilaallu murteessuu danda’u.

Qorannoowwan jalqaba 2000 keessa taasifaman akka mul’isanitti, sababa maqaatiin qofa jaalallee argachuun kan itti ulfaate jiru.

Joochen Geboor amma Yunivarsiitii Maanheem keessa hojjetuufi miiltoowwan isaa, maqaaleen ‘faashiniin irra darbe’ kan akka Keevin jaalallee argachuuf yoo rakkatan, kan jabanaawaa jedhaman akka Aleeksaandar ammoo, salphaatti dubartiin tole jettiin ture jechuun argannoosaanii dhiyeessani.

Yoo akkaataa namoonni kun jaalallee argachuuf itti rakkatan maqaa isaaniitiin bakka bu’ama taanaan, jireenya guyyuu isaanii keessattis namoonni biroon akkamiin akka isaan simatan tilmaamuun ulfaataa miti. Sababa kanaanis ofumaafuu nama akkamii akka ta’an baruun ni danda’ama.

Dhugumatti, qorannoon haaraan Jarmanitti taasifamaa jiruufi ammallee hin xumuramne tokko akka, maqaawwan ‘fudhatama hin qabne’ jedhaman kan Siindii fi Shaantaal jedhamaniif deeggarsa taasisuurra kanneen ‘fudhatama gaarii qabu’ jedhaman kan akka Soofii fi Maarii jedhaman deeggaruuf wayita yaalan mul’iseera.

Maqaan keenya hagas mara dhiibbaa geessisuu male, akkaataa namoonni waa’ee keenya itti yaadaniifi ofii keenyas itti ilaallu waan bocaniif.

Yoo sababa maqaatiin loogiin jireenya keessatti irra deddeebiin numudata ta’e, nama jaalatamaafi amala gaarii qabaachuu keessatti dhiibbaa gaarii hin taane geessisuu akka malu tilmaamuun hin rakkisu.

Qorannoowwan biroonis, namoonni maqaa ‘jaalatamoo’ hin qabne kanneen maqaa ‘jaalatamoo qaban’ irra caalaa gochaa yakka ta’an dalaguu irratti hirmaachuu mul’isa.

Maalumaafuu, maqaan keessan baramaafi jaalatamaa hin taane, yeroo gabaabaaf waan gaarii isiniif qabatee dhufuu baatus (loogii isinirratti baay’isee jaalatamummaa keessan xiqqeessus), yeroo dheeraa keessatti garuu, namummaan keessan adda akka ta’e isin barsiisuun jajjabina isiniif kennuu danda’a.

‘‘Jireenya keessatti sababa maqaasaanii adda ta’een qofa eenyummaa adda ta’e qabaachuu malu,’’ jedhu qorattoonni Chaayinaatti dhimma kana qoratan. Maqaan isaanii kun namoonni ‘‘kaka’umsa addaa’’ akka isaaniif qabaataniifi hojii adda ta’e kan akka daayirektarummaa fiilmii fi abbaa seerummaa akka argataniif sababa ta’uus danda’a.

Kubbaayyaawwan maqaan irratti barreeffame gurgurtaaf dhiyaatan

Madda suuraa, Getty Images

Maqaa hin baratamne qabaachuun akka nama waan gaarii yaadnuufi kalaqarratti akka cimnuufillee sababa ta’uu mala, akka qorannoo Zihuu fi miiltoowwan isaanii Yunivarsiitii Arizoonaatti taasisan mul’isutti.

Akka gareen qorannoo isaanii dhaabbilee kumaatamarra naanna’uun ilaaluuf yaaletti, namoonni maqaa addaa qaban, keessumaa durumaan ofitti amanummaa guddaa qabu yoo ta’eef, hojiiwwan daldalaa adda ta’an irratti bobba’aniitu argamani.

‘‘Hooggantoonni dhaabbilee gurguddoo osoo hin hafin, maqaa addaa yoo qabaatan miiltoowwan kaanirraa addatti of ilaaluufi hojimaataa hin baramne lafarra buusuuf isaan kakaasa,’’ jechuun waliigalu gareewwan qorannoo lamaan Chaayi fi Zihuudhaan adeeemsifaman.

Maatii waa hubatu taanaan, mucaa keessaniif maqaa baramaa beekamtii dabaluuf kenninamoo maqaa adda ta’e kennineefii addatti akka of ilaalaniifi kalaqaan akka cimaniif haagargaarru jettanii yaaddu ta’inna.

"Maqaawwan baramanis ta’e warreen faallaa sanaan jiran, faayidaas miidhaas waan qabaniif, maatiin reefuu daa’ima argachuuf jedhan wantoota kana baranii mucaa dhalatuuf maqaa akka moggaasan gorsina,’’ jedhu Zihuun.

Kanaaf ammoo falli jedhu Zihuun, maqaa addunyaa lamaan keessatti salphaatti babbareechamuu danda’uufi baramaa, garuummoo adda ta’e barbaaddachuudha.

"Yoo daa’ima sanaaf maqaa hedduu baratame kennineef, mucaan sun yeroo gabaabaaf salphumatti namootaan jaalatameefi waliigalee jiraata. Garuummoo Maatiin akkaataa mucaan sun ittiin adda ta’uusaa dinqisiifatu barsiisuu, maqaa masoo adda ta’e kennuufi amaloota qabuun jajjabeessaa guddisuus akka fala tokkootti fudhachuun waan dansaadha,’’ jechuun gorsani.