Filannoo pireezidantummaa biyya waraanaan goolamte Siiriyaatti gaggeeffameen Bashir al-Asaad mo'atan

Madda suuraa, EPA
Filannoo pireezidantii biyya waraanan goolamte Siiriyaatti gaggeeffameen al-Asaad marroo afraffaaf pireezidantii Siiriyaa ta'anii turuuf milkaahan. Mormitootni filannichi fudhatama hin qabu jedhaniiru.
Af-yaa'iin paarlaamaa biyyattii ibsa miidiyaaleef kennaniin al-Asaad sagalee %95.1 argachuun injifachuufi namootni sagalee kennan %78.6 ta'uu ibsaniiru.
Filannoo pireezidantii Siiriyaan naannolee bulchiinsa mootummaa jala jiran keessatti gaggeessameen, pireezidantiin biyyattii Bashir al-Asaad marroo afraffaa waggoota torbaaf turu injifatan.
Asaad morkattoota beekamtii guddoo hin qabne lama Abdullaah Saaloom Abdullaah fi Mohaamuud Ahimeed Maari jedhaman waliin morkatan.
Abdullaah Saaloom Abdullaah sagalee %1.5, Mohaamuud Ahimeed Maari ammoo sagalee %3.3 argatan.
Mormitootni Asaad filannicha fudhatama kan hin qabne yoo jedhaniin, Ameerikaafi warri Awurooppaa ammoo filinnichi bilisaas haqa-qabeessas miti jedhaniiru.
Asaad sagalee wayita kennan yaadni warra lixaa 'zeerootti' lakkaawama jedhan.
Waraana Siiriyaa bara 2011'tti eegaleen hanga ammaa namootni 388,000 ol ta'an dhumanii, walakkaan uummata biyyattii ammoo biyyaa bahuuf dirqamaniiru.
Bashiir al-Asaad aangoo abbaa isaanii bara 2000 erga dhaalanii waggoota 21 darbaniif aangoorra jiru.

Madda suuraa, Reuters
Bulchiinsa teessoo mormitoota al-Asaad taate Idliib keessatti hiriirri filannoo kana mormu gaggeeffameera.
Dubbihimaan Komishinii marii araaraa Siiriyaa Yaahiyaa al-Ariidii filannichi ''uummatni Siiriyaa tuffatamuu agarsiisa'' jedhan.
''Kun murtee mootummaa adeemsa siyaasaa biyyattii ajjeesu kan Raashiyaafi Iraaniin deeggaramuuti, itti fufinsa abbaa irrummaati,'' jedhaniiru.
Ministiroonni Hajaa Alaa Firaansi, Jarmanii, Itaalii, UK fi US filannichi gaggeeffamuu dura ibsa waloon baasaniin ''filannichi bilisas haqa qabeessas hin ta'u'' jedhanii fudhatama dhabsiisanii turan.
Sagalee lammiilee Siiriyaa, dhaabbilee hawaasaa fi mormitootaa kabajuun adeemsa filannicha mormuu ibsaniiru biyyoonni kun.

Madda suuraa, EPA
Siiriyaan yeroo dhumaatiif filannoo kan gaggeessite bara 2014, wayita waraanni kutaalee biyyattii hedduu liqimsee, mormitootni filannicharratti hin hirmaannu jedhanitti ture.
Ergasii waraana godhamaa ture keessatti waraanni al-Asaad deeggarsa meeshaa waraaaa fi loltuu Raashiyaafi Iraan irraa argataniin magaalaalee hedduu to'annoo jalatti deebifachuu danda'aniiru.
Haata'u malee ammallee kutaaleen biyyattii harka hidhattootaa jiru, waliigalteen waraana kanatti xumura gochuu danda'u fagoo jira.













