Mootiin Naajeeriyaafi Giiftiin Ingilaand Viktooriyaan akka waliin gaa'eela dhaabbataniitti maaliif yaadama?

Giift viktooriyaan dogoggora hiikkaa hordofee 'akka Giiftii warra adii hundaatti' ilaalamti

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Xalayaa barreessitoota Afrikaa kutaa kanaan, barreessituufi gaazexeessituun Naayijeeriyaa Adayoobii Tirisiyaa Niwabuunii, waa’ee biyya Afrikaa lixaa kana keessatti Giiftii Ingilaandiif aangoo addatti kennameefiif jiru himti.

Seenaan kibba Naayjeriyaa saba Efiik biratti beekamu mootiin isaanii Jarraa 19ffaa keessa ture tokko Giiftii Ingilaand Viiktooriyaa waliin akka ga’eela dhaabbatee turedha.

“Waa’ee kana jalqaba kanana dhaga’e nannaa bara 2001’ttidha. Yeroo sana goodambaa keessa deemuun hariiroo ajaa’ibaa Giiftii Viktooriyaafi Mootii Eyambaa jidduu ture wayitan taajjabettidha," jedha Donaald Duuk.

Doonald nama ganna 60 yoo ta'u, godambaa biyyaaleessaa irratti hojii haaromsaa ballinaan kan gaggeesseefi yeroo bara 1999 hanga 2007tti bulchaa tureetti magaalaa Kalabaar keessatti godambaa daldala garbaa kan hundeessedha.

“Seenaa keenya galmeessuun barbaachisaadha jedhee waanan yaadeef, qorannoo hedduu gaggeessine,” jedha.

Motiin Eyambaa V (5ffaa) mootota naannoo Kalabaar keessa turan lamaan kessaa isa tokko ture. Yeroo sanatti naanichi bulchiinsota of danda’oo lamaan bulaa turte.

Mootiin Eyambaa V Magaalaa Duuke fi Mootiin Eyoo Honeetii II Magaalaa Kiriik Jaarraa 19ffaa keessa dhimma saba Efik hordofaafi gabaa daldaltoota Awurooppaa waliin ture to’achaa turani.

Naannoon isaani qarqaara galaanaatti waan argamuuf, sabni Efik warraa Awurooppaa waliin hariiroo cimaa uumuun isaanii aadaa isaanii irratti dhibbaa uumuu eegale.

Maqaan isaan moggaafatan Afaan Ingiliffaan ta’uu eegale, uffati wayyaa aadaa isaanis faashiniin Biriitish bara Viktooriyaani waliin wal fakkaate.

Dabalataaniis sabni Efik gabaa garbaa to’atanii turani.

“Mootiin ni sooroman. Maatiileen beekkamtii argatanii. Gurgurtaa garbaa Afrikaa keessaa ba’u isa guddaa to’atus turan,” jedha Duuk.

Shubbistoota saba Efik

Madda suuraa, MIRRORPIX/GETTY

Ragaa gurgurtaa garbaa kanneen ijaan arganirraa

Lammileen Afrikaa miiliyoona 1.5 ta’an karaa buufata doonii Kaalabaariin gara Ameerikaatti (yeroos Addunyaa Haaraa-New World- jedhamuun beekamutti) gurguramaniiru. Kunummoo gabaa daldala garbaa yeroosii isa guddicha taasiseera.

Kitaabni daldalaa garbaa Efikiin jaarraa 18ffaa keessa barreefame bara 1956tti maxxanfame. Kitaabni The Diary of Antera Duke jedhamu kun, gabaa garbaa daldaltoota Afrikaan gaggeeffamaa tureef raga tokkicha jirudha.

Bara 1807tti erga daldallii garbaa Biritiishiin dhorkamee booda, namoota karaa Kalabaar gara biyyoota adda addaatti erguun itti fufee ture.

“Giiftiin Viktooriyaa mootota Kalabaar waliin hariiroo qabaachuun ishee barbaachisaa ture,” jedha Duuk.

“Giiftiin kun daldala namaa dhaabanii, daldala midhaanii zayiita, dawwitiifi waan biroo akka eegalaniif barreesiteefi turte,” jedha.

Asittidha seenaan kun kan eegale.

Xalayaashee keesatti, Giiftiin Viktoriaa mootidhaafi uummata isaaf eegumsi akka kennamu waadaa seente.

Dhumarratti “Giiftii Viktooriyaa, Giiftii warra Inglaand” jechuun mallateessite. Namni afaan hiika ture garuu dogoggoraan “Giiftii Viktooriyaa, Giiftii Namoota Adii Hundaa” jechuun hiikeef.

Mootiin Eyaambaa yoo dubartii tokkorraa eegumsi kan ta'uuf ta’e, isaani waliin gaa’eela dhaabachuu akka qaban murteesse. Kanas xalayaa deebiin ergeef irratti barreee, “Mootii Eyaambaa, Mootii Namoota Guraacha Hundaa” jechuun mallatteesse.

“Waliin addunyaa akka bulchaniif Giiftittii waliin ga’eela dhaabbachuu barbaaduu barreesseef,” jedha hogganaan saba Efik fi seeneessaan gosa Duuk Taawon, Chaarlee Effiyoong Offiyoong-Obo.

Ta’us garuu gaaffii isaa kanaaf Giiftittiin duuchaatti deebii lakki jedhu hin kennineef.

“Xalayaa mootichaa simachun, hariiroo daldalaa garii isa waliin qabaachuu akka feetu barreessiteef,” jedha Offiyoong-Obo.

Gonfoofi waancaa mootii Efik Ingilaand irraa isaaf dhufe

Madda suuraa, DONALD DUKE

Xalayaashee kana waliin kennaa adda addaa kan akka uffata mootii, gajaraafi Macaafa Qulqulluu ergiteef. Mootiin Eyambaa kennaa kana gaffii gaa’eela dhiyeeseefi akka isheen tole jettee simattetti fudhate.

Kanumaan uummanni Giiftiin kun mootii isaaniitti akka heerumteetti amanuu eegalani.

Koppiin xalayaa Giiftiin Viktooriyaa, Mootiin Eyaambaafi Mootiin Honeestii waliif ergaa turan Godambaa Biyyaalessa Kalaabaar keessa dawwannaaf ol kaa’amee jira,

Ilmi Mootii Ingilaand Keent bara 2017tti yemmuu Kalabaariin daawwate uummanni akka inni soddaa ta’etti isa simatanii turan.

Kanumaanis hogganaa isa gochuun moggaasa Ada Idagha Ke Efik Eburutu jedhu kan hiikni isaa “Nama kabajaafi olaanaa Mootummaa Efiik Eburutu Bakka bu'u,” jechuu ta’e kennaniif.

Aadaa “Gaa’ela” Mootiin Eyambaa Giiftii Viktoriyaa waliin qabaate jedhamee amaname itti fufuun mootiin Kaalabar yemmuu muudamu sagantaan muudama isaa sadarkaa lamaan gaggeefama.

Sirni aadaa hawaasa waliin erga xumuramee booda sagantichi Waldaa Pirespetiyaanii keessatti mootichi goonfoofi uffataa sagantaa kanaaf Ingilaanditti qophaa’e uffatee gaggeefama.

Ta’uumsi mootota lama wal cinaa kaa’amu, inni lammaataa Giiftii Ingilaand achi hin jirreef qullaa akka turu godhama (ykn Macaafni Qulqulluun irra kaa’ama). Haatii warraa isaa ammoo isa duuba teessi.

“Kanaan gaa’elli Giiftii Namoota Adii Hundaa fi Mootii Namoota Gurraacha hundaa gaggeefama,” jedha Duuk.