'Eertiraan gabrummaafi koloniif harka hin laanne'- Pireezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqii

Maxxanfame

Pireezidant Isaayyaas Afawarqii walabummaa Eertiraa waggaa 30'ffaa sababeeffachuun ergaa dhaamaniin 'Eertiraan gabrummaafi koloniif harka hin laanne' jechuun dubbatan.

Biyyattiin bara 1991 walabummaa ishee yeroo goonfatteerraa eegalee waggoota soddomman darbaniif pireezidantii biyyattii kan ta'aan Isaayyaas Afawarqii, biyyi isaanii ''gabrummaa, sirna kolonii, burjaajessitoota, abbootii humnaafi cunqursaaf'' harka hin kennine jedhan haasaa isaanii Wiixata sirna magaalaa Asmaraatti qophaaye irratti.

Sirna yaadannoo waggaa 30ffaa kanarratti pireezidant Isaayyaas, naannichaatti rakkoo uumuun Eertiraa harka isaanii galchuuf yaalanii jechuun qaama ittiin jedhan maqaa osoo hin dhahiin qeeqaniiru.

Haata'u malee haasaan isaanii kun daangaa Itoophiyaa waliin Eertiraan qooddattutti lola waggoota 20 oliif tureen walqabata.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waldhibdee waggoota 20'f biyyoota lamaan gidduu ture nagaan hiikuu isaaniif bara 2019'tti badhaasa Noobeelii Nagaa injifachuun isaanii ni yaadatama.

Pireezidant Isaayyaas itti dabalanuus ''obsi lafa keenya nu jalaa fudhatame ilaalchisee agarsiifne, bu'aa buuseera'' jedhan.

Hariiroon gaariin waggoota kurna lamaan booda biyyoota ollaa lamaan gidduutti bara 2019'tti eegale osoo waggaa lama caalaa hin turiin, Sadaasa darbe lollii naannoo Tigraay yoo eegalu haala walxaxaa keessa galeera.

Hidhattootni TPLF Humna Ittisaa Tigraay ofiin jedhan, Eertiraa misaayelaan haleeluu isaanii Pireezidant Isaayyaas himaniiru.

''Haleellaan amma dura mul'atee hin beekneefi akka feeteen nurratti baname yeroo fashalaa'u, duulli piroppogaandaa jabaan ji'oota jahan darbaniif sobaan Eertiraa himachuufi badii ofii dhoksuuf gaggeeffamaa ture,'' jechuun waan lola Tigraay waliin walqabatu dubbataniiru.

Duulli piroppogaandaa sun ''gocha badaa burjaajii uumuu fi kasaaredhas'' jechuun dubbatan.

Lola mootummaan Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti olaantummaa seeraa kabachiisuuf gaggeefameedha jedhuun keessatti, loltootni Eertiraa kallattiin hirmaachaa akka jiran jalqaba dhaabbileeniifi biyyootni alaa erga saaxilanii booda mootummaan Itoophiyaa haalaa ture dhumarratti amaneera.

MM Abiy Ahimadis oolmaa Eertiraan duula kana keessatti Itoophiyaaf oolte kan hin dagatamneedha jechuun Paarlaamaatti himanii turan.

Dhiibbaa biyyoota alaa akka Ameerikaan loltootni Eertiraa Tigraay keessaa atattamaan akka bahan gaafataa jiraniif biyyootni lameen deebii ''tole'' jedhu kennaniis, hanga ammaa loltootni kun akka hin baane gabaafamaa jira.

Loltootni Eertiraa Tigraay keessatti sarbama mirga namoomaa jabaa raawwataniiru jedhamuunis himatamaa jiru.

Qoqqobbii Viizaa Ameerikaaf deebii Eertiraa

Hirmaannaa fi badii loltootni Eertiraa lola naannoo Tigraay keessatti qabaniin walqabatee mootummaan Ameerikaa aanga'oota Eertiraa dabalatee qaamolee kaan irrattis qoqqobbii dhorkaa viizaa keesseetti.

Ibsa kana hordofee mootummaan Itoophiyaa hariiroo Ameerikaa waliin qabu keessa deebi'ee qorachuuf akka dirqamu kan beeksise yommuu ta'u, Ministeerri Haajaa Alaa Eertiraa ibsa Kibxata Caamsaa 25, 2021 baaseen qoqqobbiin US ''mootummaa Eertiraa naasisuu'' beeksiseera.

Rakkoon naannoo Tigraay sababa takkattii gareen TPLF Sadaasa 3, 2021 haleellaa eegaleen jalqabee kan jedhu ibsi mootummaa Eertiraa kun, ''Eertiraan qabiyyeefi jechoota'' ibsa qoqqobbii US'n ''naateettii'' jedha.

Adeemsi hamaan TPLF Itoophiyaa, Eertiraafi Gaanfa Afrikaaf badaa turee jedhee, ''dhugaa kana dabsuun Eertiraatti quba qabuun sababa kan hin qabne(defies logic) fi sadarkaa kamiinuu fudhatama kan hin qabnee'' jechuun ibse.

Qoqqobbiin US kun jala bultii kabaja guyyaa Walabummaa biyyattiitti kan ibsame ta'uun ammoo safartuu gaarummaa isa xiqqaa kan darbeedha jedha ibsi mootummaa Eertiraa.

''Tarkaanfiin ibsame seera qabeessummaafi nageenya fi tasgabbii naannichaa hin jajjabeessuu'' jechuunis balaaleffateera.

Lola naannoo Tigraay keessatti dhalateen walqabatee namootni kuma hedduun lakkaawaman lubbuu dhabanii, kumootni hedduun qe'eerraa buqqa'anii kan jiran yoo ta'u, sarbamni mirga namoomaa guddoofi yakki waraanaa qaamolee lola kana keessatti hirmaataniin raawwatamuutu ibsamaa jira.