Teknoloojii: Irra deebiin 'Microsoft Internet Explorer'n nagaatti

Asxaa Microsoft, dugduubee foddaa

Madda suuraa, Microsoft/Getty

Maxxanfame

Abuurtuun intarneetii (Internet Explorer) tajaajila waggoota 26 oliitiin booda bara dhufaarraa kaasee soorama bahuu akka ta'ee dhaabbanni teknolojii guddichi Microsoft beeksiise.

Iyyaafataan kunis Windows 95 waliin kan gadhiifame ture.

Waxabajjii 2022 irraa kaasees 'Windows 10' irratti kan hinargamne akka ta'e dhaabbanni Microsoft bilogii isaa irratti barreesseera.

Dhaabbanni teknolojii guddiichi kunis waggoota dheeraaf iyyaafataa dulloomaa hojiin ala taasisaa kan ture yoo ta'u, garuu bara 2019tti sababiiwwan nageenyaatiin walqabatee sirreeffama atattamaa baasee ture.

Yeroo sanattis namoonni gara parsantaa 8 ta'anii akka itti fayyadaman tilamaamee ture.

Bakka kan isa bu'ee 'Microsoft Edge' danaa abuurtuu intarneetii isaan walfakkaatu kan qabu yoo ta'u innis tajaajila kennuu ittuma fufa.

'Saffiisaafi caalaa amansiisaa'

Marsariitiiwwan baayyee dullooman muraasnii fi kanneen kaampaanii keessatti tolfaman teknolojii websaayitii dulloomaa irratti bu'ureeffatanii hojjetaman.

Sababa anaaf, iyyaafataawwan [browser] ammayyaa'aan irratti dalaguuf ni rakkatu.

Hoogganaan Sagantaa Microsoft Edge Siin Lyndersay biloog irratti akka barreessanitti, iyyaafataan haaraa ''saffiisaa fi caalaa amansiisaa akkasumas kan muxannoo abuuruu hammayyaa'aa qabuudha'' jedhan.

Maxxansa gara biraatiin ammoo, gosa Window kana dura turan dabalatee teknoolojiiwwan hojiin ala taasifaman akka jiran Microsoft ibseera.

Baroota 2000 fi 2005 jidduutti Internet Exprlorer qooda gabaa parsantaa 90 ta'u argachaa kan ture yoo ta'u, amma garuu Google Chrome'tu caalaa hojiirra oolaa jira.

Haata'u malee bara 2013tti dhaabbanni Microsoft sirna hojiimaata Windows isaa keessatti iyyaafataawwan filannoo gara biraa beeksiisuu waan dhabeef doolaara miliyoona 731 adabamee ture.

Bara 2010tti ammoo ''filmaata iyyaafataa'' kan beeksiisee yoo ta'u, garuu ammoo fooyya'insa bara itti aanuutti taasifameen hafeera. Dhaabbatichis kun dogongoraan mudachuu hime.