Miidiyaa Itoophiyaa: 'Akkuma biyya addunyaa kamuu gaafatama seera hojiirra oolchuu qabna'

Asxaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa

Madda suuraa, Ethiopian Media Authority

Maxxanfame

Walabummaa pireesiifi mirga bilisaan yaada ibsachuu kabajuuf murannoon mootummaa jabaa ta'uu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa beeksise.

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa ibsa Wiixata baaseen walabummaa pireesiifi mirga bilisaan yaada ibsachuu kabajuuf murannoo qabu ibsee, gabaasni miidiyaalees sadarkaa oogummaa isaa eegee hojjetamuutu irraa eegamaa jedheera.

Ibsi abbaa taayitaa kanaa kan bahe mootummaan Itoophiyaa hayyama hojii rippoortara miidiyaa idila addunyaa New York Times ji'oota dura erga haqe booda, torbee darbe biyyaa ari'uu isaa booda.

Ibsi waajira kanaa addatti waayee biyyaa ari'amuu rippoortara NYT waan jedhe hin qabu.

Haata'u malee erga oduun ari'atamuu Simoon Maarkis dhagaahamee, dhaabbileen idiladdunyaa mirga gaazexessitootaafi walabummaa Pireesiif falman, qabinsa walabummaa Pireesii Itoophiyaa irratti yaaddoo qaban ibsaniiru.

Dhaabbatni Reporters Without Borders (RSF) ''Mootummaan Itoophiyaa itti fufiinsaan gaazexessitoota sodaachisuu dhaabuu qaba,'' jedhe.

Waggoota keessatti yeroo duraaf Itoophiyaan rippoortara biyya alaa ariite jedheera.

Gargaartuu gulaaltuun bulchiinsaa kan tajaajila idila addunyaa barruu Time's Misheel Sliikmaan, ''Amanamuummaa filannoo biyyaalessaa gaggeeffamuuf jiruuf jecha, aanga'oonni Itoophiyaa yaalii pireesii walabaa afaan cuqqaluurraa boodatti akka jedhan waamicha goona,'' jedhan.

Itoophiyaan waggoota sadan darban gaazexessitoota hidhaa turan hunda hiiktee, miidiyaalee biyya keessaa akka hin gabaafne, akkasumas gabaasni isaanii dhaggeeffattoota biyya biraa akka hin geenye ugguramaa turan hundaaf hayyama kennitee ture.

Sun ammoo sadarkaa idila addunyaatti maqaa gaarii kenneefii dhaabbilee idiladdunyaa irra deddeebiin komii dhageessisaa jiraniin osoo hin hafiin jajamee ture.

Haata'u malee erga waggaa tokkoo as keessumaa erga lolli naannoo Tigraayitti eegaleen booda, walabummaan pireesii rakkoo keessa galaa, gaazexessitootniis sababa hojii isaaniin ajjeefamaafi hidhamaa akka jiran dhaabbileen akka CPJ balaaleffataniiru.

Luusii Kaasaa gaazexessituu firiilaansaraa miidiyaalee alaaf hojjettu dabalatee, gaazexessitootni miidiyaalee alaa hedduun waayee lola Tigraay gabaasan miidhaan qaamaa irra gaheera jedha gabaasni RSF.

Walabummaa pireesii biyyootaaf sadarkaa kan kaa'u RSF, Itoophiyaan waggoota sadiif guddina agarsiiftus bara 2021'tti sadarkaa lama gadi buutee biyyoota 180 keessaa 101 irra jirti jedheera.

'Akkuma biyya addunyaa kamuu gaafatama seera hojiirra oolchuu qabna'

Abbaan Taayitaa miidiyaalee Itoophiyaa miidiyaalee alaa 35 bakka bu'uun gaazexessitootni 129 kan hayyama hojii argatanii biyyattii keessa jiraatan akka jiran ibseera.

''Erga duulli seera kabachiisuu naannoo Tigraay keessaa eegalamee gaazexessitootni biyya alaa 82 kan biyya garaagaraarraa dhufaniif hayyamni dhaabbataa hin ta'iin kennameeraaf.''

Duudhaa idiladdunyaa kana kabajuun gama miidiyaaleetiinis eegamuu qaba jedha dhaabbatichi.

''Gabaasa sadarkaa ogummaa isaa eege irraa eegna. Duudhaaleen idiladdunyaa kan lola wajjin walqabatee eeggannoo addaa barbaadan gaazexessitootaan akka kabajaman eegna,'' jedha ibsichi.

Gaazexessitootni miidiyaalee alaa hayyamni hojii yeroo kennamuuf dirqama eeguuf waadaa galan keessumaa seera biyyaa eeguu qabu jedheera.

''Wayita seerri sarbamu, akkuma biyya addunyaa kamuu gaafatama seeraa hojiirra oolchuu qabna,'' jedheera Abbaan Taayitichaa.

Dabaluunis walabummaa pireesii kabajuuf murannoo isaa irra deebiin ibseera.