Chaayinaatti gamoon m300 dheeratu kirkiree akkaan namoota naasise

Madda suuraa, Reuters
Chaayinaa magaalaa Shenzhenitti gamoon dheeraan abbaa darbii 70 erga kirkiree booda, namuu sodaan keessaa godaane.
Anga'oonni naannichaa gamoon meetira 300 dheeratu - SEG Plaza jedhamu sababa itti kirkireef hanga ammaa quba akka hinqabne himu.
Guyyaa Kibxataa taateen kun wayita mudatutti, kirkirri lafaa galmaa'es hinjiru. Dhimma kanarratti qorannoon eegalameera.
Gamoon ganna 20n dura ijaarame kun, gabaa elektirooniksiifi waajiraalee of keechaa qaba.
Gamoon kun gidduu magaalaa Shenzhenitti argama. Magaalaan kun jiraattota miiliyoona 12 ol kan qabdu yoo tahu, gabaafi indastrii teknoolojii daraaraa jiruun beekamti.
Viidiyoon miidiyaa hawaasaa gubbaa bahe, namoonni dhibbaan lakka'aman, bakka gamoon kun jirurraa wayita fiiganii baqatan mul'isa.

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Gaazexaan Chaayinaa Global Times akka gabaasetti, Shenzhenitti anga'oonni mootummaa aanaa Futian, guyyaa keessaa sa'aatii 6:31tti hojjetaa gamoo keessa jirurraa gabaasa urgufamuun isaa dhaqqabe.
Guyyaa keessaa Sa'aa 8:00tti namni gamoo keessa jiru hunduu akka bahu taasifame jedha gaazexaan kun.
Ibsa boodarra baheen, mootummaan naannichaa akka jedhetti, qorannoo duraatin ''naannoo gamoo kana marsee jirutti baqaqni argame hinjiru. Gamoon karaa alaatinis miidhaan irra gahe hinjiru,'' jedha.
Ijaarsisaa bara 2000tti kan obba'e gamoon SEG Plaza, Chaayinaatti dheerinaan 104ffaarra kan argamu oggaa tahu, addunyaarraa ammoo 212rra jiraachuu ragaan Council on Tall Buildings and Urban Habitat ni mul'isa.
Hong Kong fi Chaayinaa guddittii kan walqunnamsiistu Shenzhen, wiirtuu guddina teknoolojii fi kalaqaa Chaayinaa tahuun beekamti.
Dhaabbileen bebbeekamoon kanneen akka Tencent fi Huawei waajirri muummeesaanii asi.
Gamoon addunyaarraa dheerinaan afraffaarra tahuufi meetira 599 dheeratu - Ping An Finance Centre, magaalaa kana keessatti argama.
Chaayinaatti balaan gamoowwan jiguu mudachuun waan haarayaa miti. Caamsaa bara dabre keessa, magaalaa Quanzhou keessa hoteelli namoota koroonaavaayirasiin qabaman itti adda of baasan jiguun, lubbuun namoota 29 darbeera.


















