Gamoon Hirooshimaa boombii niwukiraa dandamate diigamuufi

Madda suuraa, Google
Magaalaan Jaappaan, Hirooshimaan gamoowwan lama haleellaa boombii niwukilaaraa bara 1945 dandamatani dhaabatanii hafan diiguufi. Haata'u malee, jiraattonni magaalittii akka mallattootti eegamuu qabataa jedhanii mormu.
Gamoon bilookiin lamaan bara 1913 ijaaraman kun warshaa uffata loltootaa oomishuu ta'uun tajaajilan. Gara boodarrammoo doormii barattoota yunvarsiitii ta'uunis tajaajilaniru.
Haleellaan boombii magaalicharraa erga qaqqabe yeroo muraasaaf hospitaalaas ta'uun tajaajila kennaniiru.
Haleellaa boombii kanarraa namni lubbuun hafan' meeshaleen waraanaa niwukilaaraa akka dhorkaman ijaarsaa jajjabeessuuf fayyadan ta'e tajaajiluu qabaa' jedhu .
Haleellaa boombii niwukilaaraa bara sanaatiin kalattiin namoonni 80,000 du'anii, namoonni 35,000 immoo mada'aan.
Bilookiin ijaarsa gamoo kanaa gartokkenillee ta'us, otoo hin barbadaa'iin kan hafeef konkiriitii cimaa irraa waan ijaarameef.
Boombiin kun foddaa sibiilaa fi balballii iddoo mancaase har'as ni mul'ata.
Bara 2017 qondaaltonni caaseffama ijaarsa gamoo kanaa harka qabna jedhu, garuu yoo kirkirri lafaa cimaan jiraate jigurraas gamoo hafuu danda'u miti.
Gamoon kun hawaasni akka itti fayyadamuuf banaa miti, Aanga'oonni biyyatti bara 2022 guutummaatti akka jigu murteessaniiru.
Gamoon sadaffaan achitti hafe ni eegama, Baaxii fi dhaabni mana kanaa akka kirkira lafaa dandamatutti suphamuuf jira.

Madda suuraa, AFP/Getty Images
Iwahoo Nakaashinii maanguddoo ganna 89 wayita magaalittin boombiin haleelamtu gamoo kana keessaa tokkoosaa keessa jiraataa turan. Maanguddoon kun amma hawaasaa naannoo bakka bu'anii akka eegamu gaafataa jiru.
Seena qabeessa waan ta'eef balaan kun maal akka ta'e dhaloota dhufutti himuuf fayyadaa kanaafu diigamusaa hin barbaannuu jedhanii morman.

Madda suuraa, Getty Images
Hirooshimaatti boombiin jalqaba bu'ee lubbuu namoota 140,000 tti tilmaamanii galaafatee, carallaa baroota qaxxamuruun dararaawwan hedduu lammiilee lubbuun oolaaniif olkaa'ee darbe.
Haleellaan kun yeroo jalqabaatiif boombiin niwukilaaraa waraana keessatti hojiirra ooledha.
Hambaan Unesco'n galmeesse kun kirkira lafaa akka dandamatu haaromsi godhamuufiif jira.












