Chaayinaatti namichi daawwannaaf riqicha daawwitii kore balaa mudate jalaa rarra’ee hafe

Maxxanfame

Lammiin Chaayinaa riqicha daawitiirraa ijaarame daawwachuu deeme, daawitichi qilleensa hamaan caccabnaan achirratti rarra’ee hafe.

Namtichi riqicha meetira 100 ol dheeratuufi naannoo Kaaba biyyattii Piyaan Maawunteen jedhamutti argamu daawwachuuf bakka deemettidha wanti kun kan ta’e.

Qilleensa sa’aatiitti km150 ariifatutu daawwitiiwwan afaala yookaan walalii riqicha kanaa jiran kan caccabse.

Chaayinaan riqichoota daawwitii yookaan burcuqqoorraa hojjetamaniifi karaa namoota lafoo deemanii 2,300 ol akka qabdu tilmaamama.

Kaayyoon itti ijaaramanis tuuristoota waan adda ta’e gochuu jaalatan hawwachuufi tuuriizimii biyya keessaa jajjabeessuuf akka ta'e himama.

Suuraan miidiyaalee hawaasaarra haalaan qoodamaa ture akka mul’isutti, namichi walakkaa riqicha naannoo magaalaa Loongijiingi jiru kanaarra rarra’ee mul’isa.

Hojjettoonni yeroo balaa nama kana hambisuuf yoo ariifatan mul’ateera. Haata’u malee, gargaarsa nama achii hojjetuun ofumasaatiin gara bakka nagaatti ga’uu danda’eera, akka Xinua News gabaasetti.

Namtichi taatee kana booda gara hoospitaalaatti geeffamee hordoffiin kan irratti taasifamaa ture yoo ta’u, ‘‘qaamaanis ta’e xiin-sammuun, haala gaariirra jira’’ jedhameera.

Dhimma kanarratti qorannoon geggeeffamaa akka jiruufi bakkichis akka cufame, marsariitiin Magaalaa Loongijiingi beeksiseera.

Chaayinaatti balaan akkasii yoo mudatu kan jalqabaa miti. 2018’tti, kutaa biyyattii Heeyi jedhamtutti, bakkeen hawwata tuuristii daawwitiirraa hojjetaman 32 ta’an, hanga qorannoon nageenyaa irratti geggeeffamutti cufamanii turani.

2019 keessa ammoo, kutaalee biyyattii biroo kan akka Guwaangizii keessatti namoonni daawwitii sigigoo irraa mucucaatanii kufuun, namni tokko yoo du’u ja’a kan ta’an miidhamaniiru.

2016’tti magaalaa Zhaangijiyaajiyee jedhamtu biratti, dhagaan daandii daawwitiirraa hojjetame irratti kufee, tuuristii achirra deemaa ture tokko miidhee ture.