Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan eenyummaa nama buufata niwukilaraa ishee haleelee adda baasuu ibsite
Iraan haleellaa dhiyeenya kana buufata niwukilaraa Natanz irra ga'e raawwateera nama ittiin jette TV biyyattiitiin ibsite.
Dhaabbati TV kun namni kun haleellaa Natanz irratti raawwatame keessaa harka qabaachuusaa qondaaltota nageenyaa fi tika biyyattii wabii godhachuun gabaase.
Rezaa Kariimii namni jedhamu kun erga haleellaan raawwatee booda hatattamaan Iraan gadi dhiisee akka ba'e Neetwoork Waan gabaaseera.
Suuraa jaarmiyaan namoota yakka raawwatan addunyaarratti adamsee qabu Interpol gadi dhiises agarsiiseera.
Interpol gamasaatiin Rezaa Kariimii yakkamtoota sarara diimaarratti maqaansaanii galmaa'ee jiru keessaa tokko ta'uusaa hin mirkaneeffanne jedheera.
Haleellaan sun akkamiin akka raawwate odeeffannoo ga'aan jiraachuu baatus, Paarlaamaa Iraanitti qondaalli giddu gala sakatta'iinsaa fi qo'annoo Alareezaa Zakaanii akka jedhanitti meeshaaleen niwukilariiwwan wal nyaachisuu fi qulqulleessuuf oolan hunduu hojiin ala ta'aniiru.
Haleellaan kun buufata Natanz keessatti iddoo meetira 50 lafa jala seenee jiru irratti akka raawwate qondaalli mootummaa Iraan tokko dubbataniiru.
Iraan haleellaa torban darbe buufata niwukilaraa ishee irra ga'eef Israa'eliin himatteetti.
Buufataalee niwukilaraa qabdu hunda nageenyummaasaaniirratti xiyyeeffachuun hojjechaa akka jirtus himteetti.
Israa'el gamasheetiin haleellaa sana raawwachuu fi raawwachuu dhabuushee ifatti homaa hin dubbanne.
Buufati Raadiyoo Israa'el tokko garuu maddeen tikaa fi nageenyaa eeruun Mosaad haleellicha raawwachuu gabaaseera.
Haleellaan kun wayita Iraan waliigaltee niwukilaraa bara 2015 biyyoota akka US, UK, Firaans, Chaayinaa, Raashiyaa fi Jarmanii gidduutti waliigalame irratti deebistee mari'achuuf jirtutti raawwatame.
Waliigalteen sun Iraan akkasheen meeshaa waraanaa niwukilaraa hin qabaanne kan dhorkuudha.
Iraan gamasheetiin niwukilara meeshaa waraanaaf fayyadamuuf karoora hin qabu jetteetti.
Waliigalteen kun Israa'el biratti fudhatama hin arganne, Iraan meeshaa waraanaa niwukilaraa akka hin qabaanne gochuuf humna hin qabu jetti.
Akkaataa waliigaltee sanaan Iraan yoo meeshaalee waraanaa niwukilaraa oomishuu dhaabde qoqqobbiin irra kaa'amee ture irraa kaafama.
Waliigalteen kun garuu erga Pirezidaantiin duraanii US Doonaald Tiraamp dhiisanii ba'anii rakkoo keessa galeera.
Haleellaa yeroo darbee booda Iraan gabbisa yuraaniyamii gara dhibbeentaa 60tti guddisuuf akka karoorfatte kan ibsite yoo ta'u, kunis waliigaltecha kan faallessuudha jedhameera.