Keeniyaan mooraa baqattootaa biyyashee keessa jiru bara 2022 Waxabajjii keessa akka cuftu UNtti himte

Mooraa baqattootaa

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Mootummaan Keeniyaa waa'ee mooraa baqattootaa biyyattii keessa jiru ilaalchisee amma murteerra ga'uusaa Ejansii Dhimma Baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti hime.

Mootummaan ejjennoosaa akka UNf ibsetti, mooraawwan baqattootaa gurguddoon biyyattii keessa jiran Dadaab fi Kaakumaan Waxabajjii 30 bara 2022 guutummaatti akka cufuudha.

Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Fired Matihangií erga kaleessa (Kamisa 29,04,2021) Komishinara Ejansii Dhimma baqattootaa UN Filippoo Girandii dubbisanii booda ejjennoo mootummaasaanii kana ibsan.

Aab Matihangii akka jedhanitti, gareen qondaaltota mootummaa Keenyaa fi UNHCR waliin ta'uun adeemsa cufiinsi mooraawwan kunneenii Caamsa 5, 2022 akka eegalu saffisaan ni hojjetu.

Mooraawwan cufuu waliin walqabatee karoorri jiru baqattoonni fedhiidhaan akka gara biyyaa deebi'aniifi keessattuu kanneen Baha Afriikaa irraa ta'aniif ammoo eyyamni hojii yookiin jireenyaa akka kennamuuf haala mijeessuudha.

Mootummaan Keeniyaa Bitootessa darbe keessa UN mooraa baqattootaa kanneen akka cufuuf akeekkachiisa guyyaa 14 kennee ture.

Mooraawwan baqattootaa Dadaab fi Kaakumaa keessa baqattoonni hedduunsaanii lammiilee Itoophiyaa, Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa, Dimokiraatika Rippaablika Koongoo ta'an 400,000 caalan ni argamu.

Keeniyaan waggaa 30 oliif baqattootaaf da'oo taatee jirti.

Mootummaan kanaan booda akkaataa istaandardii qabiinsa baqattootaa kaa'ameen baqattoota kunneen keessummeessuu akka hin dandeenye himeera.

Qondaalli Ministeera Dhimma Biyya keessaa Karanjaa Kibichoo murteen mooraawwan baqattootaa Dadaab fi Kaakumaa Waxabajjii 30, 2022 cufuuf darbe ''dantaa biyyaa fi lammiilee keenyaa eeguu irratti hundaa'eeti,'' jedhan.