'Keeniyaan egeree baqattootaarratti furmaata feete malee mooraa cufuuf miti'-UNHCR

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Keeniyaa egeree baqattootaa irratti karoorri ifaan akka jiraatuu fi rakkoon akka furamu barbaade malee buufataalee baqattootaa Dadaab fi Kaakumaa cufuuf miti jedhe Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Komishinii Olaanaan Dhimma Baqattootaa(UNHCR).
Komishinarri komishinichaa Filippo Grand Dr Koongoo, Ruwaandaa fi Burundii keessatti haala baqattoonni naannawa kanaa keessa jiran daawwataa jiru.
Ji'a darbe mootummaan Keeniyaa buufataaleen baqattootaa Dadaab fi Kaakumaa yeroo guyyaa 14 hin caalle keessatt akka cufamaniif akeekkachiisa kennee ture.
Mootummaan Keeniyaa yaaddoo nageenyaa irraa ka'uun murtee kanarra ga'e kan jedhu Ministeerri Dhimma Biyya Keessaa,'' balballi keenya marii kamiifuu cufaadha,'' jedheera.
Aab Grandi kaleessa, Dilbata, Ruwaandaa keessatti, ''mootummaa Keeniyaa waliin marii bu'a qabeessa ta'e gaggeessineerra,'' jechuun gaazexeessitootatti himan.
''Mootummaan Keeniyaa buufataalee kanneen cufaa hin jiru. Rakkoo mudateef furmaata barbaade malee cufuuf miti. Furmaati gara fuulduraa maal akka ta'e baruu barbaade.'' jedhan Aab Grandi.
Dhaabbanni isaanii karoora qabiinsa baqattoota buufataalee lamaanii irratti qabu mootummaa Keeniyaaf dhiyeessuus himan.
''Mootummaan Keeniyaa hojii gaarii baqattoota simatee keessummeessuudhaan hojjechaa ture itti fufa jedheen yaada. Garuu tarsimoo fi karoorri gara fuulduraa egeree baqattootaan walqabatee jiru maal akka ta'e baruu akka barbaadan nan hubadha.'' jedhan qondaalli kun.
Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa ji'a kana(Eebla) keessa karoora buufataalee baqattootaa cufuu yeroof akka hafu murteessuun himamaa ture.
Ragaan Komishinii Baqattootaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii hanga Guraandhala darbeetti walitti qabe akka mul'isutti, mooraa baqattootaa Dadaab keessatti baqattoonni 224,642 akkasumas mooraa Kaakumaa keessatti baqattoonni 206,458 ni argamu.
Waliigalatti baqattoota magaalota Keeniyaa keessa jiraatan dabalatee baqattoota 500,000 biyyoota Afriikaa kanneen akka Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa, DRC, Itoophiyaa, Burundii, Sudaan, Yugaandaa, Eertiraa, Ruwaandaa fi kanneen biroo keessaa dhufan keessaa baqattoonni Somaaliyaa walakkaa ol ta'u.
Baqattoota 500,000 ta'an kanneen Keeniyaa keessa buufataalee Dadaab fi Kaakumaa akkasumas bakkeewwan garaagaraa qubatanii jiran keessaa lammiileen Itoophiyaa 29,718 ta'u.















