Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maallaqni Gamtaan Awurooppaa Eertiraaf kennuuf ture biyyoota biroof akka oolu gaafatame
Maallaqi Gamtaan Awurooppaa Eertiraaf kennuuf ture yuuroon miiliyoona 120 ta'u biyyoota biroof akka dabarfamee kennamu yaadi dhiyaate.
Gamtichi hojiiwwan garaagaraa Eertiraa waliin hojjechuuf waliin karoorfatan raawwatamuu dhabuurraa kan ka'e, maallaqi dhimma kanaaf ramadame gara dhimmoota birootti akka dabarfamu yaadi dhiyaachuu gamtichatti dameen Hariiroo Idil-addunyaa BBC'f ibseera.
Haala kanaan maallaqi yuuroo miiliyoona 120 ta'u kan Eertiraaf ramadamee ture gara biyyoota birootti yaa darbu yaadi jedhu dhiyaate jedheera jaarmiyaan kun.
Gamtaan Awurooppaa Onkoloolessa bara 2018 irraa eegalee haala siyaasaa Eertiraa fooyyessuu, guddina dinagdee biyyattii cimsuu fi fooyya'iinsa qabiinsa mirga namoomaa biyyattii mirkaneessuuf jecha Eertiraa waliin hojjechuuf karoorfatee ture.
Kana malees nagaan Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti bu'e akka fiixaan ba'u, biyyoonni lameen waraana qofaan osoo hin taane diinagdeenis akka walitti hidhaman, akkasumas biyyoonni kunneen fuulasaanii gara hojii misoomaa deebisuun hiyyummaa keessaa akka ba'aniif akka hojjetu Gamtaan Awurooppaa karoorfatee ture.
Gamtaan Awurooppaa Eertiraa keessatti dameewwan garaagaraa sagal irratti hojjechuuf karoorfatee wiixinee dhiyaate irratti hundaa'uun miseensonni gamtichaa maallaqa yuuroo miiliyoona 121 ta'u Eertiraaf akka ramadamu raggaasisee ture.
Haata'u malee Ebla 26, 2021 walga'ii gaggeeffamerratti, Gamtaa Awurooppaatti dameen dhimma fandii Afriikaa, maallaqi Eertiraaf ramadame kun gara biyyoota birootti akka dabarfamu yaada dhiyeessan.
Miseensonni gamtichaa hundinuu yaada kanarratti yoo walii galan maallaqi kun gara biyya biraatti naanneffama jechuudha.
Maallaqi Eertiraaf ramadame gara biyyaatti akka naanneffamuuf yaadi kan dhiyaate osoo lolli naannoo Tigraay keessatti hin eegalin dura ta'us, loltoonni Eertiraa lolicha keessatti hirmaachuunsaanii garuu murtee darburratti dhiibbaa guddaa qabaata.
Gamtaa Awurooppaatti dameen hariiroo biyyoota addunyaa BBC'f akka ibsetti maallaqa Eertiraaf kennamuuf ture keessaa yuuroo miiliyoona 18 kan ta'u lammiilee Tigraay keessaa baqatanii Sudaan keessa jiraniif akka kennamu yaadi dhiyaateera.
Dabalataan yuuroo miiliyoona 65 kan ta'u ammoo ce'umsa dimokiraasii Sudaan deggeruuf akka oolu, rakkoo beelaa hamaa Sudaan Kibbaa mudate furuuf yuuroo miiliyoona 20 akkasumas namoota Baha Afriikaa keessaa buqqa'anii fi godaanan deggeruuf yuuroon miiliyoona 20 ta'u akka ramadamu gaafatameera.
Eertiraan dhiittaa mirga namoomaa biyyattii keessatti raawwatamuuf biyyoota Awurooppaa fi biyyoota addunyaa biroon akkaan kan qeeqamaa turte yoo taatu, amma ammoo loltoonni ishee Tigraay seenuudhaan walqabatee mormii cimaan ishee mudataa jira.