Baayidan bajata investimentii seenaa US keessatti isa guddaa ta'e Kongiresiif dhiyeessan

Joo Baayidan wayita Kongiresiif haasawa taasisan dubartoonni lameen duubaan turan(Kamaalaa Hariis fi Nansii Peloosii)

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Joo Baayidan wayita Kongiresiif haasawa taasisan dubartoonni lameen duubaan turan(Kamaalaa Hariis fi Nansii Peloosii)
Maxxanfame

Pirezidaantiin US Joo Baayidan wiixinee karooraa damee carraa hojii, barnootaafi tajaajila hawaasummaa irraatti qopheeffatan Kongiresiif dhiyeessan, haasaan isaan Kongiresiif taasisan kun erga pirezidaantii ta'anii kan jalqabaati.

Erga hojii waajjira seenuun hojii eegalanii guyyaa 100 kan guutan pirezidaantichi, hojiiwwan investimentii karoorfatan milkeessuuf maallaqa doolaara tiriliyoona 4 akka ramadan Kongiresiif ibsaniiru.

Maallaqi ramadame kun erga bara 1960 as seenaa US keessatti isa guddaadha jedhu xiinxaltoonni.

''Kun dhaloota tokko keessatti yeroo tokko waan mudatuudha,'' jedhan Baayidan.

Wiixineen karooraa kun warra paartii Rippaablikaan biratti mormii kaaseera.

Seenatarri miseensa paarttii Rippaablikaan ta'an Tim Scott karoorri Baayidan kun kisaaraa malee homaa hin buusu jedhan.

Qondaalli gameessi Rippaabliaaknotaa kan biraan Ronna McDaniel guyyotiin 100 jalqabaa Baayidan, kan kufaatiin pirezidaantichaa sirriitti itti mul'ateedha jedhan.

Manneen maree lamaan keessattiyyuu Dimokiraatonni olaantummaa qabaatanis, garuu wiixineen karooraa kun osoo seera ta'ee hin bahin dura falmii guddaa kaasisuunsaa hin hafu.

Pirezidaantii Itti Aantuu Kamaalaa Hariis fi Afa-yaa'ii Mana Maree Bakka Bu'ootaa Naansii Peloosii wayita pirezidaantichi haasaa taasisan duubaan taa'anii turan.

Wayita pirezidaantiin US Kongireesii irratti haasaa taasisu dubartoonni lama duubaan taa'anii hin beekan.

Pirezidaant Baayidanis seensa haasaa isaaniirratti erga maqaa Kamaalaa Hariis waamanii booda, ''seenaa Ameerikaa keessatti pirezidaantiin akka itti aantuu isaatti maqaa dubartii eeree beeku hin jiru. Kun dhimma yerooti,'' jedhan.

Pirezidaant Baayidan maal jedhan?

Amajjii darbe wayita aangoo qabatan ''biyya goolama keessa jirtu'' akka dhaalan dubbatan.

"Weerara jaarraa kana keessa isa balaafamaa ta'e, kufaatii diinagdee isa hamaa fi yeroo dimokiraasiin keenya garmalee qorame keessa aangoo qabanne,'' jedhan.

''Amma guyyaa 100 guuteera, saba keenyatti kanan himu: Ameerikaan amma daandiitti deebitee jirti.''

Dhimma talalalii Covid-19 irratti xiyyeeffachuun kan dubbatan pirezidaant Tiraamp, namni hundinuu akka talaallii fudhatu ajajaniiru, diinagdee guddisuurratti akka xiyyeeffatanis waadaa galan.

Joo Baayidan wayita haasawa isaanii taasisuuf jedhan

Madda suuraa, Getty Images