Teeknoloojii: NASAn yeroo jalqabaaf oksijinii hargansuuf oolu Maarsii irratti oomishe

Madda suuraa, NASA/JPL-CALTECH
Meeshaan rokkeettii 'Perseverance' kaarbon daayi'oksaayidii irraa yeroo jalqabaaf oksijinii oomishte.
Maashinni xiyyaara Naasaa 'Perseverance' jedhamtuufi Maarsii irra jirtu kaarbon daayioksaayidii irraa pilaanetichaa irraa oksijinii namni ittiin harganuu danda'u hojjette.
Kun agarsiisa teeknoloojii lammaffaa ergamichaa yoo tahu, Wiixata darbe xiyyaara xiqqoo maarsii irra balaliisuunis danda'ameera.
Oksijinii kana maddisiisuun kan danda'ames, maashina xiqqaa rokkeettiin gara maarsiitti ergamte irratti hidhamee jiru 'Moxie' - the Mars Oxygen In-Situ Resource Utilization Experiment' jedhamtu keessatti.
Gaazii giraama shan tahu hojjete. Kun hamma oksijinii qorataan yookaan astronomeriin tokko daqiiqaa kudhaniif harganuuf itti fayyadamuun wal qixa.
Karoorri NASA fuulduratti namoonni ergama kanaaf gara pilaaneetii diimtuu kanaa deeman, qilleensa oksijinii lafarraa hanga fudhatanii deeman maashina oksijinii oomishuuf gargaartu 'Moxie' jedhamtu kanarra fooyya'aa ta'e akka fudhatanii deemaniifidha.
Oksijiniin (O₂) wantoota rokkeettii furguggisuuf gargaaran keessaa tokkodha.
Odeeffannoo dabalataaf:

Madda suuraa, Nasa
Atimoosferri Maarsii irra caalaan isaa qilleensa gubataa Kaarbon Daayoksaayidiin %96 tahuun kan guutamedha. Kan lafa irra jiru %21 tahu waliin yoo wal bira qabnu hammi oksijinii pilaaneticha irra jiruu % 0.13 qofaadha.
Maashinni xiqqaan Moxie jedhamtu kun atoomii oksijinii molekiyuulota kaarbon daayoksaayidii, atoomii kaarbonii tokkoo fi oksijinii lama irraa tahe keessaa baasti.
Balfi irraa hafu kaan kaarbon monokoksaayidii taha jechuudha. Gareen Nasa Moxie hojjetan amma kana caalaa akka hojjettuuf karaa garaagaraa yaalaa jiru.
Abdiin jiru sa'aatii tokko keessatti oksijinii hanga giraama 10 oomishuu danda'a kan jedhudha.
''Moxie addunyaa biraa keessatti meeshaa yeroo jalqabaaf oksijinii oomishe qofa miti. Garuu teeknoloojii jalqabaa fuuldurattis ergama qorannoo akkasii keessatti jireenya lafaan alatti 'live off land'' akka jiraatu gargaarudha. Kunis elementoota naannoo adunyaa biraa keessa jiran, 'in situ-resource utilization' jedhaman fayyadaman,'' jedhan Tiraadii Koortes, Daarikterri agarsiisa teeknoloojii NASA.
Kana qopheessuuf 'regolith' wanta jedhamu kan lafarratti argamu, gidduugala oomishichaa keessa galchuun, akka inni guddatu gochuun yookaan kaarbon daayoksaayidii fuudhuun gara oksijiniitti geeddaruudha.
Adeemsi kun wanti akkaan baay'ee tahe kana fuudhuun gara wanta bu'aa qabeessa tahe tokkootti jijjiiruuf gargaara. Isaanis waan furguggifamu, qilleensa hargansuuf gargaaru, yookaan ammoo haayidiroojinii waliin walitti makuun bishaan taha.














