Naannoo Amaaraa magaalota garaa garaa keessatti hiriirri mormii gaggeeffamaa jira

Madda suuraa, AMC
Naannoo Amaaraa magaalota garaa garaa keessatti ajjeechaa lammilee nagaarratti raawatama jedhu mormuun hiriirri gaggeeffamaa jiraachuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Magaalota hiriirri keessatti gaggeefame keessaa magaalaa guddoo naannoo Amaaraa Baahir Daar, Dabre Maarqos, Waldiyaa, Dasee, Hayiqiifi Saqoxaan jiru.
Magaalaawwan akka Daseefi Dabre Maaqos kaleessa hiriira bahanii turan har'as haaluma walfakkaatuun guyyaa lammaffaatiif addabaabaayiitti ba'uudhaan mormii isaanii dhageessifataniiru.

Madda suuraa, AMC
Hiriirawwan mormii kanneen irratti, ajjeechaafi haleellaawwan lammileen nagaarratti raawwataman sagalee mormanitu dhaga'ame.
Namoonni hiriira bahan naannichatti lubbuu lammilee nagaa Shawaa Kaabaa dhiyeenya kana miidhaman baraaruun hin danda'amne jechuun Paartii Badhaadhinaa naannicha bulchaa jiruufi mootummaa abaaraniiru.
Sabaa himaaleen naannichaa magaalaawwan Daseefi Kombolchaatti hiriira mormii taasifamaniin, ajjeechaa Amaararratti raawwatamaa mormaniiru jedheera.

Madda suuraa, AMC
Haaluma walfakkatuun Korporeeshiniin Miidiyaa Amaaraa akka gabaasetti, magaalota Baahir Daar, Dabre Maarqosiifi Waldiyaatti hiriirawwan haleellaa eenyummaa bur'uura godhate saba Amaaraarratti raawwatama jedhan mormu bahameera.
Dhuma torban darbee aanaalee naannoo Amaaraa godina Kaaba Shawaa keessatti haleellaa raawwatamaniin lubbuun namootaa darbee qabeenyis barbadaa'uun isaa ni yaadatama.
Kana malees godinaalee lixa Oromiyaafi naannoo Beneshaangul Gumuz keessatti haleellaawwan eenyummaarratti hundaa'an qaqqabaniin lubbuun darbeera.














