Itoophiyaatti madaa hinfayyine namoonni firootasaanii godaansarratti bakka-buuteen dhabame kulkulfachaa jiran

Madda suuraa, Salam Shokor/IOM/2021
Obbo Asfaawu sagalee ilmasaa Masfin kan Afrikaa Kibbaatti imaluuf manaa bahee erga dhaga'ee waggaa tokko caaleera. Masfin ammoo obboleessasaa angafa waggootaan dura akkuma isaa osoo biyya alaatti godaanuu bakka buuteen isaa dhabame 'nan arga' abdii jedhuun manaa bahe.
Masfin akkuma oboleessasaa angafaa haala jireenya maatiikoon jijjiiruun barbaada jedhee bahe. Yeroo dhumaatiif maatiin sagaleen isaa kan dhaga'an biyya Maalii keessa yeroo turetti yoo ta'u, bilbiluun akka achi qaqqabe itti himee ture. Isaan booda garuu tasa bilbilee hin beeku.
Obbo Asfaawu sagalee gadi bu'aa tokkoon: "Ilmaan kiyya abdii kiyya turan. […] Ani laman du'e, sababiin isaas isaaniin waanan dhabeef ani abdii tokkollee hin qabu. Lafa baqaqsanii qotuu na gargaaraa turan. Isaan hirkookoo turan. Isaan abdii kiyya turan. Ani dulloomee dadhabaan jira."
Maatiin Itoophiyaa hedduun imalawwan daandii walxaxaa godaansaarratti miseensa maatii isaanii, nama jaallatan, fira ykn ollaa isaanii baayyee dhabaniiru.
Lakkoofsi sirriin lammilee Itoophiyaa meeqatu osoo biyyaa godaananii karaatti hafe jedhu beekamuu baatus, akka tilmaama ragaan Ministeera Hojjetaafi Hawaasummaa Itoophiyaarraa argame agarsiisutti toora godaansaa kallattii Afrikaa Kibbaatiin bara 2012 hanga 2019tti qofa namoonni 6,000 karaatti du'aniiru ykn achi buuteen dhabameera jedha UNtti waajirri dhimmi godaantotaa.
Jaarmiyaa Godaantota Idil-addunyaa (IOM)tti Pirojektiin Godaantota Bakka-buuteen Dhabamee lammileen Itoophiyaa 1,073 toora biraan osoo godaanaa jiranii du'an galmeesseera, garuu lakkoofsi namoota osoo godaanaa jiran du'anii kana caaluu mala.
Godaantonni biroon sababii qabamanii hidhamaniif, karaa ittiin qunnaman waan hin arganneef ykn sababoota biroorraa kan ka'een maatiiwwan isaanii waliin addaan citaniiru.
Baatii muraasa dura gareen qorannoo qindeessummaa IOMtiin gaggeeffamu tokko Qirqoos, Finfinneefi Hadiyyaa, kibba Itoophiyaatti namoota maatiisaanii keessaa godaansaaf bahanii achi-buuteen dhabame waliin dubbateera.
Kunis miseensa matiisaanii godaansaan dhabuun dhiibbaa akkamii akka jireenyasaaniirraan gaheefi yeroo bakka isaani jiran barbaadanitti ammoo rakkoowwan maaltu akka isaan mudate hubachuuf ture.
Namni jaallatan dhabamuufi carraa isa/ishee mudachuu danda'u beekuu dhabuun namoota manatti hafanirratti kallattii hedduun dhiibbaa qaba.
Waa'ee namoota godaansaaf bahanii achi-buuteen isaanii dhabamee ilaalchisee hir'inni odeeffannoo maatiin akka gadda taa'anii garaa kutatanii hin darbinellee dhorkeera.
Itoophiyaa bakka tokko tokko keessatti ammoo hawaasni abbaan warraa yoo du'e ykn achi-buuteen yoo dhabame haadha warraa manatti haftetu "ayyaana dabarfatu" qaba ilaalcha boodatti hafaa jedhu waliin walqabsiisu.
Akka haati warraa nama achi-buuteen isaa dhabamee tokkoo kan taate Melaat qorattoota IOMf akka ibsitetti kun rakko hawaasummaa gadi fagoo qabaachuu danda'a.
"Dhugaa dubbachuuf, kun jireenya koo keessatti yeroo baayyee hamaa ta'edha. Ani Waaqayyo maaliif akka na qoru hin beeku. Firoonni isaa irra deddeebiyanii sababii abbaan warraa kiyya itti du'eef "ayyaana dabarfatu" waan qabduuf naan jedhu.
Hawaasa keenya keessatti, yeroo wanti hamaa ta'e tokko abbootii warraa mudate hadhotii warraatti quba qabuun baratamaadha. Kun qalbii kan nama cabsudha."
Yoo namni tokko achi-buuteen isaa dhabamee carraan isaa maal akka ta'u mirkaneeffachuun hin danda'amne, maatiiwwan gaddallee taa'anii of keessaa baafachuu hin danda'an, jetti Aadde Zinnaash haati dargaggeessa bakka-buuteen isaa dhabamee.
"Ani otuman reeffa isaallee naaf deebiyee argadhee jedheen yeroo hunda hawwa. […] Ani duuti uumama akka ta'e nan beka, garuu yeroo namni tokko bakka hin beekamne tokkotti du'ee hafu, baayyee nama dhukkuba.
Aadaa keenya keessatti, namni tokko sirna gaddaa aadaafi amanataa sirrii ta'e godhameefii yoo awwaalame, akka "du'a lamataatti" ilaalama.
Nuti tokko isa dhabuu keenyaan, lamaffaa ammoo beeknee gaddinee garaa kutachuu dhabuu keenyaan miidhamne."

Madda suuraa, Salam Shokor IOM/2021
Itoophiyaa keessatti, akka qajeelfama aadaafi amantaatti maatiiwwan fira isaanii du'e tokko bakka awwaalcha firootaatti awwaalachuu qabu.
Hawaasa keessatti, reeffa nama achi-buuteen isaa dhabamee argachuu dhabuu jechuun maatiin isaanii abaaramaadha akka jechuutti fudhatama, jedha namni Obbo Tasammaa jedhamu obboleessa achi-buuteen dhabame barbaadaa jiru.
Namni gadaansarratti achi-buuteen isaa dhabame rakkoo hawaasummaa gadi fagoo qabaachuun alattis, dhimma gaa'elaafi dhaalmaa keessatti rakkoo walxaxaa uuma.
Du'uun nama tokkoo osoo seeraan hin mirkanaa'iin, firoonni dhaala gaafatachuu hin danda'an.
Dubartiin abbaan warraa irraa bade bakki gahe wallaalames qabeenya abbaa warraa dhaaluu waan hin dandeenyeef ofiifi ijoollee jiraachisuu keessatti rakkoo dinagdee hamaaf akka saaxilamtu qorannoon IOM kun ni mullisa.
Abbaan warraa ishee osoo gara Afrikaa Kibbaatti godaanuu kan dhabame Aadde Liyaan seenaa akkasii qabdi:
"Osoo du'a abbaa manaakootii mirkaneeffannoo hin argatiin waa'ee qabeenyaa ykn lafa dhaaluu dubbachuu hin danda'u. Akka aadaatti, obboleessa isaatu laficha to'ata.
Ani mana murtii deemee firoota isaa waliin wal-loluus hin danda'u. […] Ani firoota isaa waliinan jiraadha. Anaaf wanti marti rakkisaadha."
Maatiiwwan Itoophiyaa firoonni ykn miseensonni maatii isaanii achi-buuteen isaanii hin beekamne seenaa isaanii IOMf qoodan akkamitti akka nama isaanii kana barbaaddatanirratti ykn nama jaallatan dhabuu isaaniitiif gadda isaanirra gahe ilaalchisee gargaarsa argatanii beekan hin jiru.
Wayita gargaarsa argachuuf jecha aanga'ootatti dhiyaatanittis, 'maaliif firoonni ykn maatiin keessan akka godaansa seeraan alaarraa hafuuf maaliif hin dhorkine' deebii jedhutu kennamaaf.
Maatiiwwan rakkoo isaanii kana ofumaan kulkulfachuurraa kan hafe filannoo biraa hin qaban jedha IOM.
Jaarmiyaan Dhimma Godaantotaa Idil-addunyaa (IOM) qorannoo deeggarsa Swiss Federal Department of Foreign Affairs irraa argateen gaggeesse kanaan waan fala ta'a jedhu akeekeera.
Kunis, maatiiwwan namni godaansaaf bahee achi-buuteen dhabame akka barbaadanii ijibbaatan gargaaruu kan jedhuufi namoota miseensa maatii ykn firootasaanii dhabuun miidhaan qoor- qalbii irra gahe ammoo akka rakkoo fayyaa sammuuf hin saaxilamneef gargaaramuu qabu kan jedhudha.
Dhimma dhuunfaan walqabatees odeeffannoo icciitiin isaa eegame dhiyeessuun firoota dhabaman akka barbaadan gargaaruu, akkasumas miidhaawwan hawaas-dinagdee maatiiwwan namni godaansaaf bahee achi-buuteen dhabame gargaaruun fala akka ta'e akeekeera qorannoon IOM kun.
Seenaan kun qoratamee kan barreeffame hojjetoota IOM irraa kan ta'an Marta Sánchez Dionis fi Kate Dearden. Maatiiwwan seenaa isaanii qoodan icciitii isaanii eeguuf jecha maqaansaanii geeddarameera.

















